Doonaald Tiraamp sanadoonni dhoksaa ajjeechaa Joon F. Keeneedii fi Maartiin Luuter Kiing irratti raawwataman akka gadhiifaman ajajan.

Doonaald Tiraamp sanadoonni dhoksaa ajjeechaa Joon F. Keeneedii fi Maartiin Luuter Kiing irratti raawwataman akka gadhiifaman ajajan.

Pireezidaanti Tiraamp yeroo duula filannoo isaaniitti sanadoota dhoksaa kanaa fi kanneen biroo ummataaf ifa gochuuf waadaa galaa turaniiru.

Tiraamp qondaaltonni karoora sanadoota ajjeechaa pirezidaantii Joon F. Keeneedii (JFK), obboleessa isaanii Roobart F. Keeneedii fi Maartiin Luuter Kiing Jr walqabatee sanadoota ummataaf ifa taasisuuf aangawootni karoora akka baasan ajajeera.

Ajajni kun qondaaltonni olaanoo bulchiinsa sanadoota adda baasuun guyyoota 15 keessatti akkamitti akka ummataaf ifa ta’u karoora akka dhiyeessan qajeelfama kenneera.

Dhiheenya kana waa’ee sanadoota kanaa gaazexeessitootaaf kan dubbatan Tiraamp, “namoonni baay’een waa’ee kanaa baruuf waggoota kurnaniif eegaa turan; “Wanti hundi yeroo dhiyootti ifa ta’a” jedhan.

Pirezidaantiin Joon F. Keeneediin bara 1963 Teeksaas magaalaa Daalaasitti kan ajjeefaman yoo ta’u, obboleessi isaanii Roobart F. Keeneediin ammoo bara 1968tti yeroo pirezidaantii ta’uuf dorgomaa turanitti Kaalifoorniyaatti ajjeefame. Wagguma kana Ji’a lama booda qabsaa’aan mirga lammiilee Ameerikaa beekamaan Maartiin Luuter Kiing Teenisi magaalaa Meemfis keessatti ajjeefame.

Sanadoonni qorannoowwan kanaan walqabatan hedduun ajjeechaa booda ummataaf ifa ta’us, sanadoonni kumaatamaan lakkaa’aman, keessattuu kanneen ajjeechaa JFK waliin walqabatan dhoksaa ta’anii akka hin mul’annee fu akka hin dhagaayamne ummataa irraa dhokfamaniiru.

Siyaasa Ameerikaa fi namoota gurraacha addunyaa guutuu keessatti akka gootaatti kan ilaalamu, falmaa bilisummaa fi mirgaa Maartiin Luuter Kiing, nama sabboonummaa warra adii leellisuun  akka ajjeefame himamus, Deeggartootni fi hiriyyoota isaa nama ajjeese kana duuba harki namoota hedduu akka keessa jirutti  amanan xiqqaa miti.

Ajaja hojii raawwachiiftuu bulchiinsi isaanii haaraan sanadoota kana akka gadhiisuuf mallatteesseen, sanadoota kana dhoksuun ”dantaa ummataa waliin kan wal hin simne” ta’uu ibseera.

Haa ta’u malee ammas sanadoonni hundi akka hin gadhiifamne dhaabbileen basaasaa fi nageenyaa adda addaa gaafachaa akka jiran BBC gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *