Shawaa kaabaa Warra Jaarsoo fi Ambootti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa lama ajjeesan.
(SQ-Sadaasa 2,2022)
Godina shawaa kaabaa aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Tulluu Milkii jedhamu keessatti Onkoloolessa 30, 2022 dargaggoo Darajjee Nugusee jedhamu waraanni Bilxiginnaa hiriyyoota isaa bira waamun daanditti baasun sababa tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeessu maddeen SQ’f himan.
Dargaggoo Darajjeen nama siyaasaa kam keessayyuu harka hin qabnee fi hojii mataa isaa hojjachuun jiraatudha kan jedhan maddeen osooni hiriyyoota isaa waliin bakka bashannanaa jiru gadi baasun ajjeessan jedhu.
Oduma wal fakkaatuun Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo ganda Kisoosee keessatti Onkoloolessa 24, 2022 abbaa ijoollee 4 kan ta’an obboo Caaluu Tashooma badii tokko malee maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggartaa, ninyaachista jedhu itti manxasuun waraanni PP rasaasa itti roobsuun ajjeessu maddeen nuuf himan.
Obbo Caaluu Tashooma irratti ajjeechaa raawwataniin cinaatti bilbilaa harkaa tokko fi qarshii 40,000 akka saamanis jiraattoota irra odeeffanneerra.
Gochi waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa irratti raawwachaa jiru guyyaa irra gara guyyaatti dabalaa kan jiru yoo ta’u jiruuf jireenya uummata yaaddoo keessa galcheera waraanni bilxiginnaa