Ajjeechaa suukanneessaan Viidiyoon marsaalee hawaasaa irraa naanna’aa jiru Walloo aanaa Daawwaa Caffaatti raawwatamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Xoopiyaa ibse.
(SQ-Waxabajjii 19,2022)
Ajjeechaa suukkaneessaan viidiyoon marsaalee hawaasaa irra naanna’aa jiru Wallo godina addaa saba Oromoo aanaa Daawwaa Caffaatti raawwatamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.
Komishichi ibsa baaseen ajjeechaan kun bakka addaa Intoolii jedhamutti raawwatamuu akka mirkaneeffate beeksiseera.
Lakkoofsi namoota ajjeefamanii naannawaa 30 akka ta’u kan eere ibsichi .Humnoonni mootummaa naannichaa namoota konkolaataa 2n fe’anii fidan jumlaan achitti fixuu ibsee jira.
Guyyaan ajjeechaan suukkaneessan kun itti raawwatame akka lakkoofsa Itoophiyaatti jalqaba baatii Muddee bara 2014 akka ta’e beeksiseera.Humnoonni mootummaa fi shororkeessitoonni Faannoo kanneen uffannaa mallattoo Minilik uffatan namoota heddu konkolaataa fe’umsaa Isuzutti fe’anii wayita fidan viidiyicha irraa ni mul’ata.
Itti aansanii immoo namoota hidhannoo wayiituu hin qabne kanneen tumaa konkolaataa irraa buusanii rasaasa akka bokkaatti wayita itti roobsanis viidiyicha irraa ni argama.
Viidiyoo sana irratti lubbuu balleessitoonni Faannoo mallattoo Minilik uffatanii fi humnoonni mootummaa naannichaa kunneen namoota hin hidhanne kanneen afuura otoo hin baafachiisin wayita fixan ni mul’ata.Warra dursanii konkolaataa irraa buusan rasaasaan fixaa, warra duubatti hafe tumaa konkolaataa irraa buusanii rasaasaaf dabaree dabarsanii kennu.
Afaan Amaaraatiin itti wacaa walwaamaa ajjeechaa kana raawwatu. “Abbabaa koottu” jedhanii Afaan Amaaraan wal waamu. Waca kana keessatti yeroo dubbatan “gahee dhiisi rasaasa lafatti hin balleessin suuta dararamee haa du’u” jedhee miseensota Faannoo keessaa tokko yoo dubbatus sirritti dhaga’ama.
Warra konkolaata irraa namoota kanneen buusaa turan keessaa tokko “konkolaataatti ni dhukaafamaa? Na rukuttanii ooltan” jedhee yoo dheekkamuu fi yoo deebii walii laatan ni dhaga’ama.“Gahee ofduuba irraa deebi’aa borus diina biraa qabna, eeyyen dhugaadha” jechaa deebii walii laachaa gaafa deebi’an suur-sagaleedhan mul’ata