“Mirgi jireenya lammiilee kabajamuu qaba” HRW

“Mirgi jireenya lammiilee kabajamuu qaba” HRW

Giddaa Ayyaanaatti Ummatni qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’e waan nyaatu dhabee rakkachaa jira jedhe Dhaabbatni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Ibsa har’a baaseen.

Dhaabbatni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa naannoo Oromiyaa Bahaa, Dhihaa fi Qeellam Wallaggaa naannoo tokko tokkotti walitti bu’iinsi mootummaa fi gareewwan Hidhannoon lolan gidduutti deemaa jiru fulbaana bara 2019 irraa eegalee cimee sochii guyyaa guyyaa hawaasichaa irratti qormaata guddaa uumuun hawaasaaf sodaa olaanaa keessa galchee akka jiru DHMNI ifoomsee jira.
Dhaabbatni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa odeeffannoo naannoo irraa walitti qabame irraa akka hubatametti, miseensonni hawaasaa sababa walitti bu’iinsaa Aanaa Gidaa Ayyaanaa Godina Wallaggaa Bahaa irraa buqqa’an sababa gaaddisa dhabuu irraa kan ka’e bakka manneen namoota itti dhiyeenyaan jiru jiraachaa akka jiranii fi gargaarsa argachuu dhabuu irraa kan ka’e rakkoo guddaa keessa akka jiran hubadheera jedhe.

Gama biraatiin, torbee darberraa eegalee godina Arsii Bahaa Aanaa Shirkaa fi Honqoloo Waabee keessatti dhiittaan mirga namoomaa namoota qulqulluu irratti raawwatamaa akka ture, hawaasnis balaa guddaa keessa akka jiru Dhaabbatni Mirga Namoomaa hubatee jira jechuun ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *