Miseensi Mana Maree Bakka Buutota Ummataa UK Ertiraan Waraana ishee gara Tigiraayitti bobbaasuun, qooda fudhataa jiraachuu isheetiin qoqqobbiin irra kaa’amuu qaba jedhan.
(SQ-Sadaasa 2,2022)
Miseensi Mana Maree UK David Alton, mootummaan Ertiraa wal-waraansa hamaa biyya ollaa irratti geggeessaa jira jechuun cimsanii erga qeeqaniin booda, maddi galii mootummaa Ertiraa inni tokko Taaksii parsantaa lamaa (2%) hawaasa Daayaaspooraa irraa guuramu tahuu akeekan.
Kun akka itti fufuuf hayyamuun gam tokkoon waraana hamaa mootummaan Ertiraa biyya ollaa keessa seenee geggeessaa jiru Ispoonsara gochuu waan taheef dhaabbachuu qaba jedhu David Alton.
Taaksii hawaasa daayaaspooraa irraa walitti qabu kanarra dhorkaa kaa’uun mootummaan Ertiraa irratti dhiibbaa kallattii akka qabaatus hubachiisaniiru.
Mootummaan Ertiraa lammiilee Ertiraa guutuu addunyaa irratti argaman irraa maallaqa walitti qabatu akka madda galii ijootti itti dhimma kan bahu ta’uu ragaaleen mul’isu.
Mootummaan Ertiraa Itoophiyaa keessattis tahe naannichatti gahee diigumsaa taphataa jiraachuu kan amanan David Alton, gahee diigumsaa Itoophiyaa keessattis tahe naannichatti taphataa jiru kana dhaabsisuuf maddoota faayinaansii isaatii gogsuun dhiibbaa barbaachisu gargaara jedhu.