Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhimma hidhamuu hoggantoota ABO irratti Mana maree bakka bu’ootaaf xalayaa barreesse

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa dhimma hoggantoota ABO mana hidhaa jiranii irratti manni maree bakka bu’oota uummataa deebii akka kennu gaafate.

Addi Bilisummaa Oromoo ajjeefamuu qondaalasaa Jaal Battee Urgeessaa hordofee yaaddoo lubbuun jiraachuu hoggantootasaa mana hidhaa jiraniif qabu xalayaadhaan boordii filannoo biyyaaleessaa beeksisee ture.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaas xalayaa Adda Bilisummaa Oromoo kanarratti hundaa’uudhaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Dimookiraasii deebii akka itti kennu xalayaa Caamsaa 19/2016 (ALI) barreesseen gaafareera.

Boordichi komii ABOn yeroo adda addaatti dhiyeessurratti hundaa’uun Amajji 22/2016 (ALI) xalayaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimookiraasiif barreesseen hoggantoonni ABO mana hidhaa jiran yeroo adda addaatti manni hidhaa akka itti jijjiiramu, bakka isaan jiran dhaabbataadhaan kan hin beekamne ta’uu, manni murtii bilisaan erga gadhiisee booda adeemsa seeraas hordofaa akka hin jirre beeksisee akka ture hubachiiseera.

Komii kana irratti haga xalayaan haaraan kun barreeffametti wanti qulqullaa’e akka hin jirre boordichi ibseera. Komiifi iyyata ABO kana irratti wanti qulqullaa’e yoo jiraate Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Dimookiraasii ibsa akka kennu boordiin filannoo gaafateera.

Boordichi garagalcha xalayaa kanaa Perezedaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaaf ergeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *