Falli Dhibdee Siyaasaa Itiyoophiyaa maali? Lammii Beenyaatiin.

  1. Falli Dhibdee Siyaasaa Itiyoophiyaa maali? Lammii Beenyaatiin.

Dhibdeen Itiyoophiyaa dhibdee Siyaasaati.Dhibdee turee fi jiru;tarii fuuldurattis jiraachuu kan malu yaada faallaa fedhii sabootaa tarkaanfachiisuu irraa madda.

Impaayerri Itiyoophiyaa bulcha kolonummaa irratti ijaaramte.
Karaan bulchitoota Itiyoophiyaa karaa faallaa yaada dantaa sabootaa tahuun beekama. Karaa bulchitootaa irratti saboonni ni roorrifaman; dhukkubaa fi hongee akkasumas hiyyummaa saalfachiisaan hubaman.

Bulchitootni hundinuu tokkummaa Itiyoophiyaa hin biinxofne hamajaajii alaa fi keessaa irraa faccisuuf akka kaadhimamanitti of dhiyyeessu.
Hamajaajii keessatti kan ciicatamu gaaffii sabootaati. Humni gaaffii Sabaa tarkaanfachiisu kamuu akka diigduu,faallessituu Itiyoophiyaa,ergamtuu alaa fi farra tokkummaa Itiyoophiyaa tti lakkaayamee duulli ijibbaataa itti banama. Karaa tokkichi moototni Abbootii Irree Itiyoophiyaa filatan gaaffii sabootaa humnaan ukkaamsuu qofa.
Hanga ammaatti ejjennoo kana irraa maqamee karaan dogoggoraa sun irra deebi’amee hin ilaalamne.

Kanaaf ,gaaffiin sabootaa keessumaa gaaffiin Saba Oromoo madda dhibdee siyaasaa Itiyoophiyaa isa guddicha ta’ee argama .
Gaaffiin Oromoo akka barbaadametti furamuu baannaan rakkoo Itiyoophiyaa ittuu hammeessa malee irra dibaa fi fakkeessaan bu’aan argamu hin jiraatu.

Namootni gaaffii sabboonummaa Oromoo sirnaan hin hubanne,” Oromoon muummicha ministeeraa erga tahee kana caalaa maal barbaadaa?” Jedhanii gaafatu. Falmii yaada namoota akkanaa qabxii lamaan doomsuun barbaachisa.

* 1ffaa ,Oromoon MM tahuuf hin qabsoofne. Aangoon ministeera muummichaa nama Oromoo tokkoof kan kenname sochii Oromoo warraaqsa dorrobe qaqawweessaan lafa sochoose jalaa miliquun warraaqsicha hankaaksuuf mala dhahame malee gaaffii bu’uuraa Oromoo hundeerraa deebisuuf akeekamee miti.
Nama tokko aangoo fiixee biyyaa irratti ol baasuun immoo deebii gaaffii sabummaa akka hin taane galmee seenaa irraa dubbisuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf muudamni Jooseef Istaaliin,Gordon Biraawon,Jastin Tiruudoo wal duraa duubaan gaaffii saboota Joorjiyaa,Iskotilaandii fi kuubeek hin hanbisne.

* 2ffaa, Gaaffiin Sabboonummaa Oromoo mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu argamsiisuudha.
Qabsoon sabboonummaa Oromoo akka lama keessaa tokkoon xumura argachuu dandaha.
Tokko Mootummaa Rippaabilika Oromiyaa gadi dhaabbachuudhaan. Kun guutummaa guutuutti Itiyoophiyaa irraa gaa’ela siyaasaa hiikkachuutti geessa.
Kan lammataa; Sabootaa fi sablammoota waliin hariiroo obbolummaa,wal qixxummaa,wal Amantaa fi wal abdannaa irratti hundaayeen waldaa gaaddisa waloo akka haaraatti gad-dhaabbachuudha. Qabxiin kun fedha Saba Oromoo qofa osoo hin taane kan sabootaa fi sablammootaa hunda irratti hundaaya.

Walumaa galatti naannoo gaanfa afrikaa kanatti nageenya waaraa argamsiisuuf garuu mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu sabootaa kabajamuu fi hojiirra ooluu qaba. Oromoon kana barbaada. Kana booda wanti fedha Oromoo ala Oromootti fe’amu kamuu fudhatama hin qabu.

Kanaaf Furmaatni dhibdee Siyaasaa Itiyoophiyaa gaaffii sabootaaf deebii barbaachisaa kennuudha. Kanaan ala galaana dhibdee ammaa keessaa bahuu yaaluun daallummaa ta’a waan taheef dhibdee siyaasa Itiyoophiyaaf falli jiru :

👉🏿Mirga Hiree Ofii Ofiin Murteeffannaa Sabootaa beekuu

👉🏿Mirga Ilmoo Namaa Kabajuu

👉🏿Mirgoota Dimokiraasii kabajuu

👉🏿Olaantummaa Seeraa jalatti buluu

👉🏿Dhibdee Nagaan furuuf of kennuu tahuu qofaani.
Lammii Beenyaatiin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *