Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Ganda Hadheechaatti finxaaleyyii Faannoo daangaa dabruun lubbu namoota 7 galaafate.

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Ganda Hadheechaatti finxaaleyyii Faannoo daangaa dabruun lubbu namoota 7 galaafate.

(SQ-Hagayya 15,2022)

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat Ganda Hadheechaatti humni finxa*aleyyii Faannoo jechuun of waamuun beekamu daangaa Oromiyaa seenuun Uummata Oromoo kan qaama siyaasaa kamuu keessa hin jirre Sababa Oromummaa isaaniif qofa yakka suukkaneessaan lubbuu Namoota nagaa 7 galaafachuun, kaan qabeenyaa isaanii saamanii jechuun maddeen keenya SQ tti himaniiru.

Ammaaf namoota yakka suukkaneessaa jara Faannoo kanaan wareegaman San kan maqaan isaanii nu dhaqqabe keessaa;

1.Indaalaa Roobaa
2.Mangistuu Gurmuu
3.Malkaa Ulatoo
4.Shaambal Nugusuu
5.Roobaa Gadaa
6.Fatansaa Roobaa fi
7.Burruusee Yaamii ti.

Sirni gaggeessaa awwaalcha namoota wareegamanii har’a naannawa magaalaa Oolancitiitti geggeeffamaa jiraa jechuun maddeen keenya SQ tti himaniiru.

Biyyeen isinitti haa salphattu! Ummata Oromoofi Maatii wareegaman hundaaf jajjabina hawwina.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *