Gargaarsi namoomaa Lixa Oromiyaa hammaataa dhufeera jedhe UN.
(SQ-Caamsaa 10,2022)
Erga baatii Amajjjii waggaa baranaatii haalli gargaarsa namoomaa Lixa Oromiyaa ‘hammataa dhufeera,’ jedhe Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN).
Kunis, bara 2022 keessa ”waldura dhaabbannaafi walitti bu’iinsi hawaasa gidduu waan dabaleefi,” jedheera UN’tti dhaabbati Dhimma Gargaarsaa qindeessu (UNOCHA) ibsa xumura torban darbe baasen.
Haleellaa Lixa Oromiyaatti keessumaa jalqaba waggaa kanaa Wallagga Bahaafi Horro Guduruutti hammaateen ajjeechaa, saamichi akkasumas qabeenyi hedduu manca’eera.
Hoogganaa Itti-aanaan Komishinii Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Garramuu Oliiqaa sababa rakkoo nageenyaan namoonni buqqa’uufi gargaarsa geessuus rakkisaa taasisaa turuu himaniiru.
Dhaqqabiinsi dhibuu, deeggarsi gahaa dhibuu, akkasumas dhaabbileen tumsan dhabamuutiin gargaarsi namoomaa rakkoo mudachuu UN ibseera.
Gargaarsa jiru geessuufis rakkoon nageenyaa danqaa ta’u ibse. Dhimma kana kan gaafataman Obbo Oliiqaan sababni kuni mudate akkanaan ibsu.
”Rakkoon adda ta’e ennaa jiraatu humni nageenyaa nu deeggaree akka dhaqqabsiisnu kan hojjetaa jirru jedhan.
”Warri dhaabbata gamtooman immoo shakkii nageenyaa lafa qaban hundumaa humna nageenyaa dabalatanii deemuu hin barbaadani. Kanarraa kan ka’e isaan akkasitti kaasuu danda’u,” jedhan.
UN Hojjeettonni gargaarsaa haala mijaa’aa hin taane keessa akka socho’aniifi ambulaansonni isaaniifi kaan irratti haleellaan akka gahu himan.
”Baatii booda kanaa Lixa Oromiyaatti yakki babal’ateera. Keessumaa daandii Amboo Naqamtee geessurra nama butuufi konkolaataa saamuun irra deddeebbiin mudateera,” jedhe.