Shaggar Lixa Iluu Galaanitti Waraanni Bilxiginnaa Namoota Nagaa 5 Bakka Tokkotti Ajjeesae.

Shaggar Lixa Iluu Galaanitti Waraanni Bilxiginnaa Namoota Nagaa 5 Bakka Tokkotti Ajjeesae.

(SQ – Caamsaa 30,2022)

Caamsaa 30,2022 guyyaa har’aa Godina Lixa Shaggar Ona Iluu Galaan ganda Irgoo Waashamoo keessatti lammiileen Oromoo nagaa 5 WBO deggertu/nyaachistu jedhamanii waraana mootummaa Bilxiginnaan bakka tokkotti ajjeesamuu maddeen oduu ifoomsaa jiran.

Namootni ajjeesaman kunniin:
Fiqaaduu Xaasoo
Jabeessaa Likkiisaa
Dhugaasaa Taayyee
Lalisaa Barsiisaa fi
Lalisaa Yiggazuu kanneen jedhamani.

Boddoosaa Likkiisaa fi Korree Nagarii kanneen jedhaman ammoo rasaasaan rukutamanii du’aa fi jireenya gidduutti akka argaman ibsameera.

Waraanni mootummaa Ona Iluu Galaan ganda Irgoo Waashamoo keessatti ajjechaa suukanneessaa ummata nagaa irratti raawwate kun, manneen ummataa gubee loon dabalatee qabeenya hedduus akka saame maddeen ifa godhu.

Barsiisaa Jaallataa, Calqaa Jaliilaa fi Tafarii Barsiisaa warra manni duraa barbadeeffamee fi qabeenyi duraa saamame keessatti akka argaman gabaasa maddeenii irraa beekuun danda’ameera.

Jiraattotni ganda Irgoo Waashamoo warri humna qaban bosonatti kan baqatan yoo ta’u, kanneen humna hin qabne maanguddootnii fi daa’imman gandichumatti kan hafanii fi dararaaf kan saaxilaman ta’uun hubatameera.

Caamsaa 27,2022 hidhattootni mootummaa Bilxiginnaa Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Limixii jedhamtu keessatti maqaa WBO deggertan jedhuun Oromoota nagaa 6 haala suukanneessaan ajjeesanii reeffa isaanii bakkeetti gatuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *