Miseensotni raayyaa Ittisa impaayerattii 8 sirna bilxiginnaa ganuun WBOtti makaman.
waraanni pp Caasaan waraana murna bilxiginnaa aangoo kiyya naaf tiksu jechuun maallaqa hedduu baasee leenjisee bobbaase, sirnicha fedhiin akka itti hin makamne hubachuunii fi sirna lubbuu lammiilee nagaa akka baalaa harcaasu ta’uu baruun gananii gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu itti fufanii jiru.
Keessaayyuu ilmaan Oromoo adeemsi bilxiginnaa maqaa uummata Oromoon aangoo irra turuuf Oromoo hedduu ajjeessuu fi qabsaa’ota isaa fixuu ta’uu kanneen hubatan qawwee fi hidhannoo guutuu waliin WBOtti makamaa jiru.
Kaleessa Adoolessa 11,2023 godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa buufata waraanaa Dhidheessaa kutaa waraanaa 31ffaa irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 4 qawwee AKM Turkii 2, dachaatuu 2, boombii 3, rasaasa 765 fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromootti galii taasisanii jiru.
Ilmaan Oromoo Abiy Ahimediin dirqiin qabamanii farra Oromummaa akka ta’aniif bobbaase keessaa ganuu itti fufuun Adoolessa 8,2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraana bilxinnaa magaalaa Muggii mana barumsaa sadarkaa 2ffaa irraa loltootni afur qawwee AKM Turkii 1 fi dachaatuu 3, rasaasa 800, boombii 2 fi hidhannoo 4 mooraa diinaa keessaa baasuun qabatanii mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisanii jiru.
Loltootni Abiy Ahimed sirnicha ganan kun, bilxiginnaan diigamaa jiraachuu ibsuun ilmaan Oromoo qawwee baatanii murna faashistii kana tajaajilaa jiran qawwee fi hidhannoo isaanii waliin sirnicha ganuun WBOtti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.
Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti caasaan nageenya bilxiginnaa namoota dararaa jiraachuun barame.
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo nagaan qe’ee isaanii irra akka hin jiraanneef caasaa nageenyaa, bulchiinsaa fi waraanaa itti bobbaasuun hojii idilee isaanii jeeqaa oola.
Namoota hiraarsuu irratti kan hojjetan caasaan aangoo Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman kun godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum magaalaa Burqaa ganda Haqabaas kan jedhamu keessatti itti gaafatamaan bulchiinsaa fi nageenya araddaa sanaa Aliyyii Jamaal Umaree jedhamu uummata nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon dararaa jira.
Aanicha keessatti gaaffii gaafachuun, dalagaa irra turanii dubatti hafanii dhufuunii fi abbootii siyaasaa bilxiginnaa waliin hariiroo dhabuun ilaalcha siyaasaa biraa qabda maqaa jedhu kan namatti moggaasisu waan ta’eef hawaasni bilisaan jiraachuu danqamee jira.
Kana malees badii tokko malee hidhamuu, reebamuu fi baasii garaagaraa gaafatamuuun jireenya hawaasichatti hadheessanii akka jiran odeessi arganne ni ifoomsa.