Waraanni Bilxiginnaa Wallagga Bahaatti ogeessa Fayyaa Beelladaa tokko ajjeessan.
(SQ-Bitootessa 17,2022)
waraanni Bilxiginnaa Godina wallagga Baha Aanaa Gobbu Sayyoo magaalaa Aannootti Hojjetaa Mootummaa Ogeessa fayyaa Beelladaa kan ta’e Obbo Dassaleny Farajaa Shanee waliin hidhata qabda jechuun guyyoota muraasaaf erga hidhanii booda guyyaa kaleessaa Bitootessa 16,2022 mana hidhaa keessaa baasuun bakka Haqabboo jedhamutti ajjeesanii gatuu maddeen SQ nuuf himan.
Obbo Dassaaleny Farajaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo, magaalaa Baakkootti kan dhalattan yoo ta’u sababa hojiitiin Aanaa Gobbu Sayyoo jiraata turan.
Obbo Dassaleeny oggummaa qabaniin hawaasa Aanichaa ofquusannoo tokko malee kan tajaajilaa turan yoo ta’uu, haawaasa naannichaa biratti nama jaallatamummaa guddaa qabu ta’u Odeeffanneerra.
Waraanni Bilxginnaa Oromiyaa bakka hundatti ilmaan Oromoo hawaasa birratti ilaalcha gaarii qaban adamsee ajjeessu cimsee itti fufee jira.