Godina Shawaa lixaa Aanaa Meettaa Wal-qixee Ganda Roggee Eelaa keessatti Daa’imni Ganna 8 gudeedamtee booda ajjeefamte.
Odeessaaleen akka argisiisanitti daa’imni maqaan ishee #Simboo_Birhaanuu jedhamtu Waraana mootummaan sirna PP tiksuun erga gudeedamtee booda ajjeefamtee fannifamuu maddeen nuuf himaniiru.
Gochaa fokkisaa namummaa hin ibsine waraanni faashistii gudeeddii erga raawwatee booda yeroo daa’imni harkatti duuti akka waan daa’imni of ajjeestee fakkeessuuf Mukatti fannisuun biraa deemanii jiru jedhame.
Oduu Akkaan Gaddisiisaan kun Amajji 28/2025 Simboo Birhaanuu Baqqalaa jedhamtu irratti Meettaa walqixxee Magaalaa Eelaatti gudeedamtee fannifamte haalaan sukkaneessaadha.
Gara jabina daangaa hinqabnetu Daa’ima ganna 8 irratti raawwatame.
Humnootiin yakka kana raawwatan hanga ammaatti hinqabamne jedhan.
Dhimma gocha haalaan sukkaneessaa Daa’ima kana irratti raawwatameef namoota hedduu kan mufachiise yoo tahu illee Biiroon Daa’immanii fi dhimma Dubartootaa Oromiyaa fi qaamni seeraa tarkaanfii seerafudhachuudhaaf,hatattamaan tarkaanfiin fudhate hin jiru