Waraanni Itoophiyaafi Ertiraa Kaaba-Lixa Tigraayiin haleellaa banan jedhe TPLF.
(SQ-Fulbaana 1,2022)
Waraanni mootummaa Itoophiyaafi Ertiraa Kaaba-Lixa Tigraayiin haleellaa guddaa Kamisa ganama eegalanii jechuun TPLF himate.
Dubbi-himaan TPLF Getaachew Raddaa odeeffannoo tiwiitara gubbaatti qoodaniin, Kaaba-Lixa Tigraay bakka Adyaaboo jedhamutti humnoonni mootumaa Itoophiyaafi Ertiraa kallattii afuriin ”haleellaa guddaa banan” jedhan.
Humni diinaa Fiqyaa Geberee hanga Adeemeytii, Selaamoo hanga Sheraroo, Goboo Tsin’aat hanga Irdaa Maatiyoosfi Adi Aser hanga Afi Goshu’tti waraanni guddaan jira. Goototni keenya lafa qabatanii ofirraa ittisaa jiru,” jedhan Obbo Getaachoon.
Haleellaa haaraa gama Kaaba-Lixa Tigraayiin ka’es ta’e hirmaanna waraana Ertiraa irratti mootummaan Itoophiyaa ammatti wanta dubbate hin qabu. Mootummaa Ertiraa irraas himata irratti dhiyaatu ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.
Haata’u malee, mootummaan Itoophiyaa ibsa Roobii Hagayya 31 baaseen Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) kallattii daangaa Sudaanirraan dabalatee kallattii gara garaatiin waraana baballisaa jira jechuun himateera.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa baase keessatti Humnoonni Tigraay karaa Waag, Walqaayiti fi daangaa Sudaniin (gama naannoo Amaaraatiin) waraana banuu beeksise.
Dhukaasa dhaabuu ji’oota shanii booda torban darbe waraana akka haaratti hammaatee eegale irratti mootummaan federaalaa fi humnootni Tigraay wal himatu.