Hawaasni Oromoo Biyya Amerikaa jiraatu hiriira mormii sirna Abiyyiin gaggeessu irratti gaggeessan

Miseensonni hawaasa Oromoo naannoo Washingitenii fi naannoo ishee keessa jiraatan kaleessa Ministeera Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis fuulduratti ajjeechaa seeraan ala fi hidhaa hoggantoota siyaasaa Oromoo, Itiyoophiyaa keessaa irratti raawwatamu jedhan mormuun hiriira geggeessanii jiran.
Qindeessaan, hawaasa Oromoo naannoo Washingiten Diisii akka jedhanitti yaadannoo angawaa siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo Battee Urgessa, dhiheenya kana ajjeefamaniif Kibxata galgala Waayit Haawus fuulduratti sirni dungoo qabsiisuu taasisameera jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *