Jardagaa Jaarteen har’a harka humnoota Amaaraa harkaa ba’uun dhaga’ame.
<Sagalee Qeerroo Mudde ~ 11/2022>
Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti hidhattoonni Amaaraa kanneen daangaa qaxxaamuranii dhufaniifi kanneen duraan aanicha keessa jiraatan waliin qindaa’uudhaan lola uummata Oromoo irratti bananiin baatiiwwan lamaan darbaniif uummata Oromoo aanichaa irratti ajjeechaa suukanneessaa, qe’eerraa uummata buqqisuufi saamicha geggeessaa turaniiru.
Lolaafi weerara kana uummanni Oromoo Aanichaa, Humni Addaa Oromiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo adda addaatti garee shororkeessaa kana ofirraa ittisaa erga turanii booda guyyaa har’aa (Mudde 11/2022) humnoonni Finxaaleyyii Amaaraa kana magaalaa Jaardagaa gadhiisisanii akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.
Weerara daangaafi duguuggaa sanyii humnoonni kun Oromiyaa fi Oromoo irratti geggeessaniin Godina Wallagga Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaa keessatti uummanni dhibbootaan lakkaa’aman ajjeefamanii kuma dhibbootaan kan lakkaa’aman qe’ee isaaniirraa buqqa’anii rakkoof saaxilamaniiru.
Gocha badii humni kun raawwatu kana hordofee Addi Bilisummaa Oromoofi KFOn akka uummanni diina kana ofirraa ittisu waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.
Uummanni ammas bifa qindaa’eefi dammaqinaan qe’ee isaa diinota kanarraa akka eeggatu waamicha ABO fi KFO kana jajjabeessina.