IBSA EJJENNOO BARATTOOTA UNIVERSITY SAAYINSII fi TEEKNOOLOOJII ADAAMAA(ASTU)

IBSA EJJENNOO BARATTOOTA UNIVERSITY SAAYINSII fi TEEKNOOLOOJII ADAAMAA(ASTU)

Muddee 2022
Akkuma beekamu yeroo ammaa kana keessatti uummanni Oromoo daangaa isaarraa buqqa’aa, ajjeefamaa, fayyaatti gubachaa… Jira. Yakki duguuggaa sanyii uummata keenya irratti geggeeffamaa jiru kun, inumaa jabaachaa adeemuun isaa yaadddoo guddaa uumaa jira. Namoonni ajjeefamaa, qalamaa, qe’ee isaaniirraa ari’atamaa jiran lammii keenya, maatii keenyadha. Nus Oromoo waan taaneef kan miidhamaa jiru nuyi dha.
Qabsoon Barattoota Oromoo iddoo hundaatti dho’ee, diina kan naasisaa jiru dha. Akkuma nuti barattoonni qabsoo kana karaa dandeenyu hundaan geggeessaa jirru, diinonni keenyas kan durii caalaatti dhiibbaa hamaa uummata keenya irratti geggeessaa jiru.
Nuti barattoonni Oromoo mooraa ASTU yakka duguuggaa sanyii mootummaan ixoophiyaa fi humni amaaraa faannoo jedhamu waliin ta’uun uummata keenya irratti gochaa jiru ni mormina. Kan miidhamaa jiru maatii keenya dha, dhiiga keenyadha. Nutis akkuma barattoota Oromoo kan biroo lammiilee keenya miidhamaa jiraniif sagalee ta’aa turreerra. Har’as, borus hanga duguuggaan sanyummaa kun nurraa dhaabbatutti qabsoon keenya itti fufa. Nuti barachuu kan dandeenyu;
1. Hanga gaaffiin barataa Oromoo akkasumas ilmaan Oromoo deebi’utti
2. Hanga humni faannoo amaaraa Oromiyaa gadi dhiisee bahutti
3. Hanga uummanni keenya qe’ee isaarraa buqqqa’e qe’ee isaatti deebi’utti akkasumas, hanga
daangaan keenya nuuf kabajamutti
4. Hanga barattoonni Oromoo sababa Oromummaa isaaniif hidhaman hiikamanitti
5. Hanga mirgi abbaa biyyummaa keenya nuuf kabajamutti
6. Hanga ajjeechaan lammiilee nagaa irratti raawwachaa jiru dhaabbatutti
7. Hanga nageenyi amansiisaan nuuf bu’utti barnoota keenya itti fufnee barachuu hin dandeenyu.
Utuu maatiin keenya miidhamaa jiranii, sammuu nagaan barumsa barachuun waan ulfaatu dha. Maatiin keenya, lammiileen keenya haala isaan irra jiran yaaddessaa dha. Kanaaf iyyuu, guyyaa gaafa dec, 12, 2022 irraa eegalee hanga guyyaa hin beekamneetti barnoota kan dhaabnu ta’a.
Hubachiisa: Namoonni ibsa ejjennoo kana irra tarkaanfachuun daree seentan, miidhama isinirra ga’uuf itti gaafatama hin qabnu!
#OB
#OromooHaaBaraarru
#SaveOromia
NAGAAN OROMIYAAF!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *