HomeUncategorizedRoobni Yeroo Arfaffaaf Xiqqaachuun, Gatiin midhaan nyaataa dabaluun miidhaan hongeen geessisu yaaddessaa taasiseera jedhe Dhaabbani save the Children! Roobni Yeroo Arfaffaaf Xiqqaachuun, Gatiin midhaan nyaataa dabaluun miidhaan hongeen geessisu yaaddessaa taasiseera jedhe Dhaabbani save the Children! April 25, 2022sqeerroo Roobni Yeroo Arfaffaaf Xiqqaachuun, Gatiin midhaan nyaataa dabaluun miidhaan hongeen geessisu yaaddessaa taasiseera jedhe Dhaabbani save the Children! (SQ-Ebla 25/2022) Roobni yeroo arfaffaaf giddugaleessa gadi ta’uun, Gatiin nyaataa dabaluuni fi xiyyeeffannoo addunyaa dhabuun miidhaa hongeen fidu daran hammeessa jedhe dhaabbatni Save the Children. Roobni Bitootessa fi Caamsaa gidduu roobe xinnaachuun isaa walitti fufinsaan waqtiin roobaa afuriif naannoleen hongeen miidhaman rooba gahaa osoo hin argatin hafaniiru. Somaaliyaa, Itoophiyaa fi Keeniyaa keessatti yeroo ammaa namootni miliyoona 16 ol daa’imman dabalatee gargaarsi nyaataa atattamaa isaan barbaachisa. . Itoophiyaa fi Keeniyaa rooba xiqqaa aragatanii jiru. Haa ta’u malee roobni xiqqaachuun namoota hedduu rakkoo hamaa akka saaxilu ragaaleen ni mul’isu. Kibba Itoophiyaatti namootni miliyoona 6.5 gargaarsa barbaadu. Hongee hamaa biratti gumaachi xiqqachuun akkasumas waraanni Yuukireen namoota hedduu beelaf saaxiluu danda’a jedhe dhaabbatni Save the Children. Gaanfa Afrikaatti gatiin nyaataa sababa jijjiirama qilleensaa, weerara hoomaa hawwaannisaa fi walitti bu’insaatni dabalaa tureera. Haa ta’u malee waraanni Yuukireen gabaa midhaan nyaataa jeeqee jira. Baha Afrikaatti daabboo fi nyaatotni qamadii irraa tolfamantu bal’inaan nyaatama. Biyyootni Baha Afrikaa qamadii isaan barbaachisu keessaa harka 84 biyyaa alaa irraa galchu. Harki 72 Raashiyaa irraa kan argamu yoo ta’u harki 18 ammoo Yuukireen irraa argama. Itoophiyaa keessatti dheerachuun hongee dandamannaa namoota laaffisee jira. Sababa hongeetiin namootni miliyoona 8.1 gargaarsa nyaata atattamaa barbaadu. Namootni 286,000 qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Akka dhaabbatni save the children jedhutti horsiisee bultootni beeladoota miliyoona 1.46 dhabaniiru. Kunis ijoolleen aannan akka dhaban taasisee jira. Daa’imman waggaa shanii gadii 890,000 ta’an hanqina nyaatatiin miidhamaa jiru Maddi-Addis Standard ! Share this: Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on X (Opens in new window) X Related
Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksanitti humni waraanaa Somaalee namoota nagaa ajjeesuun hedduu maedeesse. Poolisootni humna addaa Somaalee haleellaa baha Oromiyaa aanaa Cinaaksan irratti raawwatan jabeessuun namoota ajjeesuun garii madeessan. Gurraandhala 7, 2023… Share this: Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on X (Opens in new window) X
Raashiyaan Iraan cinaa gortee Isirael haleeluuf yaada akka qabdu Akeekte BREAKING: Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Ameerikaan Israa’el deeggaruuf yoo Ameerikaan dachee Iraan irratti haleelu Raashiyaan IRAN akka deeggartu labsan. Share this: Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on X (Opens in new window) X
KFOn Hoggantootaa fi Qondaaltota ABO dhiyyeenya M/Hidhaa irraa bahaniif affeerraa laaqanaa taasisan Paartiin KFO Hoggantootaa fi Qondaaltota ABO dhiyyeenya mana hidhaa irraa bahaniif Waajjira isaanii Muummee Finfinneetti affeerraa laaqanaa taasisaaniif. Paartiin Kongiresii… Share this: Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on X (Opens in new window) X