HomeUncategorized๐๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ()n ๐๐จ๐ซ๐๐ ๐๐จ๐ซ๐๐๐ง ๐๐๐๐ฌ๐๐ง ๐๐ข๐๐๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ง๐ช๐๐ฆ๐ ๐๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ()n ๐๐จ๐ซ๐๐ ๐๐จ๐ซ๐๐๐ง ๐๐๐๐ฌ๐๐ง ๐๐ข๐๐๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ง๐ช๐๐ฆ๐ March 31, 2023sqeerroo ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย Waaqoo Noolee 2023 ๐๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ(๐ ฐ๏ธ๐ ฑ๏ธ๐ พ๏ธ)n ๐๐จ๐ซ๐๐ ๐๐จ๐ซ๐๐๐ง ๐๐๐๐ฌ๐๐ง ๐๐ข๐๐๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ง๐ช๐๐ฆ๐โ Addi Bilisummaa Oromoo(๐ ฐ๏ธ๐ ฑ๏ธ๐ พ๏ธ)n Akuma Dhiibamee Biyyaa Bahe Dhiibamee Biyyatti Deebi’e! Addi Bilisumma Oromoo Impaayirri Ethiopia Afaan qawween ijaaramte aadaa Sirnoota impaayirummaa keessaa baatee sirna dimokiraasii shaakaluun biyya bulchiinsa ummataaf taatu akka hin taane 1970ta bu’uureffamuu isaa irraa tolchee beeka. ๐ ฐ๏ธ๐ ฑ๏ธ๐ พ๏ธn gaafa jijjiramatu dhufeen jaarmiyaaleen siyaasaa mukaa citaa moofaa isaanii guuratanii bakka itti baqatanii #Daandii Boolee geessu iyyaafatan, sobaa fi sossobaan boolla tokkotti si’a lama hin waraanamuun #Qaamasadaffaa(3ffaa) gaafatamummaa fudhatu gaffachuun bakka turetti hafuu filate. Baroota 1990ta keessa yeroo ๐ ฐ๏ธ๐ ฑ๏ธ๐ พ๏ธn dhiibamee biyaa baafamu shoora guddaa kan tapahatan warra ejannoo, murannoo fi kutannoo ๐ ฐ๏ธ๐ ฑ๏ธ๐ พ๏ธbeeku murnoota yeroo sana aangoo polotikaa afaan qawween dhuunfatan sodaa irraa qabanii dha. Wareegama ilmaan Oromoo kumii kitiliin baasaniin gaafa Ilkaan waggoota 27 reeqqisaa ture aangoo Polotikaa dhuunfate irraa buqqa’u, #Arraba Lafee qabu Afaan Ilkaan Reeqqisaa ture keessaa bahetuu Jijjiirama wareegama ilmaan haadha hiyyeessaan dhufe dhaale. Arrabni Ilkaan buqqa’e jalaa loohee hafe gaafa kana kan “team Bilisoomnee” tahee maqaa jijjiiramaan as bahee Gabrummaa Bilisummaa fakkaatuun Ummata waxaluu eegale. Addi Bilisummaa Oromoo akeeka manaa baheef carraa falmachuu bal’aa qaba ture; garuu bara jijjiirama baananii sana akka ๐ ฐ๏ธ๐ ฑ๏ธ๐ พ๏ธn biyya keessatti galee karaa nagahaatiin falmatu kan godhe keessaa inni ijoon, dhidhiibbaa shira siyaasaa #Aabbichisuu(Ethioeritrea) caalaa dhiibbaa ummanni Oromoo bal’aan keessaaf alaan taasisetuu miira xiiqiin biyyaa fi biyyoo keenyatti nu deebise. Duraa ABOn mataan ala jira malee qabsoo gaggeessaa tureen 98% handhuura Oromiyaatti qabsaawaa ture; aadaa fokkataa fi sirna dhablee Empaayirattii anamalee ABOn akka gaaritti beekus, haala ulfaataa kamuu keessattis yoo tahe carraa ummata keenya keessatti mataan deebi’ee qabsoo gochuu argametti gammachuu guddaa qaba. Qabsoo karaa nagahaa gaggeesuuf murteefatee ummata isaa fi irree isaa abdatee gale keessatti ejjannoon ๐ ฐ๏ธ๐ ฑ๏ธ๐ พ๏ธ Demography Impaayirattii jijjiiruun Demokiraasii shaakalee shaakalchiisuun yoo toleef Fedeeaalizimii sabdaneessa baanamu sanaan waan Ummanni bal’aan barbaadaa turee fi jiru Bilisummaa, mirga abbaa biyyummaa, walqixummaa fi Dimokiraasii mirkaneessuufi. Murni maqaa mootummaan ummattoota biyyattii hacuucee bulchaa turee fi jiru Sodaa fi shakkii jabinnaa fi ummata isaan fudhatamummaa ABOn ummata isaa biratti qabuun kan guutame biyya keenyatti gallee osoo oollee hin bulin danqaa fi danqaraa nu afoo kaayaniin Hooganootaa fi miseensota ABO manneen hidhaa Impaayirattii keessatti danqanii ABOn akka bahee siyaasa isaa hin gaggeeffanne danqaranii #Qoreedhoqqee keessaa ABOtti tahan. Kun cufti kanaan osoo, jiruu ABO haala keessa jiru keessatti furmaata waaraa falaa fi mala maayii biyya kanaatiin akeekaa turus, gurra cuqqaalchuun badii fi balleessaa gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isaan hin baafneen lubbuu namaa fi qabeenyaa biyyaa danuu daaressaniiru. Xumura irratti gaafa laaffatanii gamtuuf warra akka diina innikkaatti irraa jalaan qabeenyaan biyyi qabduu, kaadhaa fi liqiin argatan osoo hin hafin meeshaa waraanaatti jijjiiruun ittiin lolaa turaniin har’a araara jedhan; ABOn garuu, abbaan falaa fi malaa biyya kanaa har’as hoogganoonnii fi miseensonni isaa duuchaan Mana hidhaa Impaayiratti jiru. Rakkoon Impaayirattii fi gaggeesitoota Imaayiraattii mudate, miilla qoreen waraante qoreen keessaa baasanii dha. Kanaafi kan ๐๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ(๐ ฐ๏ธ๐ ฑ๏ธ๐ พ๏ธ)n ๐๐จ๐ซ๐๐ ๐๐จ๐ซ๐๐๐ง ๐๐๐๐ฌ๐๐ง ๐๐ข๐๐๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐ง๐ช๐๐ฆ๐โjedheef. Waaqoo Noolee Share this: Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on X (Opens in new window) X Related
‘Itoophiyaatti manneen barnootaa 5,500 ol tajaajila kennaa hin jiran’ – Komishinii Mirga Namoomaa Naannolee Itoophiyaa garaa garaa keessatti manneen barnootaa 5,500 ol tajaajila baruufi barsiisuu kennaa hin jiran jedhe Komishiniin Mirgooota Namoomaa Itoophiyaa.… Share this: Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on X (Opens in new window) X
Iraan diroonii waraanaa Itoophiyaaf dhiyeessuu Ameerikaan ibsite. Iraan diroonii waraanaa Itoophiyaaf dhiyeessuu Ameerikaan ibsite. (SQ-Onkoloolessa 20,2022) Waraana waliinii Itoophiyaa keessatti Dirooniin Turkiyee Baayraktar TB2, Dirooniin Chaayinaa Wing… Share this: Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on X (Opens in new window) X
Haali Fayyaa Jaal Kennasaa Ayyaanaa Guyyaa irraa Gara Guyyaatti Hammaachaa jira. (SQ – Caamsaa 23,2022) Jaallan isaa waliin yeroo dheeraadhaaf hiraara mana hidhaa keessaa keessummeessaa kan jiru miseensi GS-ABO J/Kennasaa Ayyaanaa… Share this: Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook Click to share on X (Opens in new window) X