Yuniversiitii Finfinnee Mooraa FB jedhamutti poolisiin federaalaa barataa Oromoo Baduraddiin Mohammed jedhamu fi hiriyyaa isaa hidhuun dhaga’ame.

(SQ-Waxabajjii 2,2022)

Mooraa yuuniversiitii finfinnee FB jedhamu keessatti, filannoo council barattootaa Caamsaa 30/2022 geggeeffame sababeeffachuun finxaaleyyiin Amaaraa mooricha keessa maandheffatanii jiran barattoota Oromoo irratti reebicha geessisaniin barataa Oromoo Mooraa Yuuniversiitii Finfinnee kiiloo 6 kan ta’e , Olaanaa Qajeelaa jedhamu illee dhagaan mataa madeessanii turuufi poolisoonni federaalas barattoota Oromoo irratti reebicha hamaa erga irraan geessisaniin booda hidhaatti guuruu gabaasuun keenya kan yaadatamudha.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa jechuun Waxabajjii 2/2022 Mooraa yuniversiitii Finfinnee FB jedhamutti, barata Oromoo Baaruddiin Mohaammad jedhamu kan dhalootaan Harargee ta’e sababa Afaan Amaaraa hin beeku jedheef poolisiin fedeeraalaa reebicha hamaa erga irraan geessisanu booda mana hidhaa Naannoo Yuuniversiitii Finfinneetti argamu kan Menan jedhamutti hidhuu barataan Moorichaa tokko nuuf hime.

Akka maddi keenya kun nuuf himetti, Baaruddin magaalaa ture wayitanni gara mooraatti deebi’uf jedhu Aayidii ykn waraqaa Eenyummaa Yuunversiitti waardiyyoota moorichaan gaafatame. Innis Waraqaa Eenyummaa mooraa yeroo itti agarsiisu Afaan Amaaraa itti haasawan. Barataan kun Afaan Oromoo malee Afaan Amaaraa dubbachuu waan hin dandeenyeef hiriyyaa isaa waamee haasofsiisuuf yaalus, waardiyyoonni Mooraa sanaa Sabaan Amaara ta’an jibba Afaan Oromoof qabaniif jecha, nu arrabse jechuun poolisii federaalaa itti waaman jedha maddi keenya.

Poolisiin Federaalaas akkuma dhufaniin gaaffi tokko malee barataa kana fi hiriyyaa isaa Afaan Amaaraan Waardiyyoota kana haasofsiisaa ture, akka malee reebuun qabani hidhan jedhu.

Yeroo ammaa barataan Baaruddiin Mohaamad reebicha irra ga’een ilkaan isaa cabuu akka hin oollee fi hiriyyaan isaa maqaan isaa ammaaf adda hin baanes mana hidhaa keessatti haala yaaddessaa keessa jirru jedhu.

Yuuniversiitiin finfinnee tibba darbe Waardiyyoota Moorichaa Sabaan Oromoo ta’an, walii galtee waggaa lamaa oliif mooricha eeguu osoo qabanii, mirga namoomaa isaanii sarbuun sababa Oromummaa isaaniif hojii isaanii irraa ariyuun Waardiyyoota haaraa sabaan Amaara ta’an qofa ramaduun kan yaadatamudha.

Yeroo ammaa barattoonni Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee Mooraa FB baratan rakkoo hamaa keessa jiraachuu kan nuuf himan maddeen keenya, rakkoon kun mooraa Yuunivesiitii Finfinnee kiiloo 4, 5 fi 6tti illee babal’achaa jiraachuun Barattoonni Oromoo Moorichaa haala yaaddessaa keessa jiraachuu nuuf himan.

Barattooti moorichaa akka jedhanitti Rakkoo keenyaaf haga perezedaantii moorichaatti iyyannus qaamni furmaata nuuf laatu waan dhibeef uummanni Oromoo biyya keessaa fi Alaa sagalee nuuf ta’a jechuun miira gaddaan dubbatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *