Itoophiyaatti waraanni Tigraay gidiraa Oromiyaa keessatti deemaa jiru dhokseera jedhe Human Raayitis Waach

Itoophiyaatti waraanni Tigraay gidiraa Oromiyaa keessatti deemaa jiru dhokseera jedhe Human Raayitis Waach

(SQ-Adoolessa 5/2022)

Jaarmiyaan idil-addunyaa mirga namoomaaf dhaabbatu Humaan Raayitis Waach (HRW) gabaasa ‘Walitti bu’insa Itoophiyaa Biroo’ jedhuun Adoolessa 4, 2022 baaseen, Itoophiyaatti waraanni Tigraay gidiraa naannoo Oromiyaa keessatti deemaa jiru dhokseera jedhe.

Akka HRW jedhutti, Sadaasa 2020 osoo qalbiin addunyaa gara waraana Kaaba Itoophiyaa, Tigraay keessatti jalqabeetti hin deebi’iin duraa kaasee Oromiyaa keessatti gaafatama tokko malee mirgoota namoomaa sarbuun ballinaan deemaa tureera; ammas gaggeeffamaa jira.

“Kanaaf, wanti Oromiyaa keessatti deemaa jiru kun xiyyeeffannaa addunyaa atattamaa barbaada,” jedhe HRW.

Kan waggaan lamaffaasaa torban darbe yaadatame ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hokkaraafi jeequmsa dhalatee tureen Oromiyaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 178 ajjeefamuu kan yaadate HRW, taateen kunneen biyyattii keessatti kabajni mirgoota namoomaa duubatti deebi’uu yeroo itti jalqabedha jedha.

Yeroo Artist Haacaaluu ajjeefame sanatti, namoonni gaddaafi mormii ibsachuufi daandiiwwan Oromiyaafi magaalaa Finfinneetti akka bahan himuun, humnoonni nageenyaa warra gaddaaf bahan irratti tarkaanfii humnaa fudhachuun namoota baayyee ajjeesanii kaan madeessanii turan jedheera.

Eessumni Artist Haacaaluu Hundeessaa namoota gaddaaf bahanii humnoota nageenyaatiin ajjeefaman keessaa tokko ture kan jedhe gabaasichi, haleellaan sabaafi amantaa irratti xiyyeeffates akka ture ibseera.

Akka gabaasa HRW kanaatti, sarbamni mirgoota namoomaa Oromiyaa keessatti akka baballatuuf sababiin biroon duula mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisuu jedhuun gaggeessuun walqabatee kan dhalate akka ta’edha.

Wal waraansa hidhattoota kanneeniifi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu irraa kan ka’een lammileen nagaa gidduutti hedduu rakkataniiru jedha jaarmiyaan mirgoota namoomaaf falmu HRW.

HRW gabaasa isaa kana keessatti jalqaba bara 2019 mootummaan Komaandi Postii Federaalaa kan humnoota federaalaafi naannoo qindeessu lixa Oromiyaatti akka hundeesse ibsuun, jalqaba 2020 keessa interneetiin ji’oota sadiif cufamuu dabalatee aanga’oonni mootummaa yeroo gara garaatti maloota komunikeeshinii lixa Oromiyaa irraa kutaa turan jedheera.

Kun ammoo dhaabbileen gargaarsaa, miidiyaaleeniifi gareewwan mirgoota namoomaaf falman akka naannoo sanatti waan deemaa jiru hin arganne taasiseera jedha jaarmiyaan kun.

Dhorkaawwan naannicharra jira akkuma jirutti ta’ee, gareewwan mirgoota namoomaafi miidiyaaleen ajjeechaa humnoonni nageenyaa mootummaa murtoo seeraa tokko malee raawwatanii, fi hidhattoonni miseensa hawaasaa lakkoofsi isaanii naannicha keessatti muraasa ta’an, akkasumas aanga’oota mootummaa butuufi ajjeesuu gabaasuu danda’aniiru jedha HRW.

Akka gabaasa jaarmiyaa idil-addunyaa kanaatti, humnoonni nageenyaa humna hidhate deeggartu ykn waliin hidhata qabdu jechuun dargaggoota irratti xiyyeefatu.

Kanaaf ammoo, Ajjeechaa dargaggoo umurii waggaa 17, Amaanu’eel Wandimmuu, magaalaa Dambi-Dolloo keessatti addababaayirratti viidiyoon waraabaa humnoonni mootummaa raawwatan akka fakkeenyaatti kaasuun ibsa HRW.

“Itti-gaafatamni tokko osoo hin jiraatiin humnoonni nageenyaa mirgoota namoomaa sarbuun ammoo daran akka isaan ittuu gocha mirgooota namoomaa sarban cimse malee, miidhaan dabalataa akka hin uumamne gochuu hin dandeenye,” jedheera HRW.

Gabaasa isaa kana keessatti Human Raayits Waach ajjeechaa hidhattootaan Waxabajji 18, 2022 Lixa Wallaggaa aanaa Gimbiitti hidhattooonni gaggessan jedhames kaaseera.

Haleellaa kanaan daa’immaniifi dubartoota dabalatee namoonni baayyeen ajjeefamanii yoo xiqqaate 4,800 kan ta’an baqataniiru jedheera.

Taatee kana dhugaa lafarra jiru yeroo isaatti gabaasuudhaaf kominikeeshiniin addaan cituu danqaa ta’uu kan ibse UN, haleellaan kun waraana humnoonni mootummaafi hidhattoonni bakka sanatti taasisan hordofee kan raawwatamedha jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *