.
(SQ- EBLA 06,2022)
Qaala’iinsa jireenyaa ummatoota Itophiyaatti yaaddoo uumee fi jireenya itti hammeessetti dabalee gatiin xaa’oo barana haala mul’atee hin beekneen dabaluun qonnaan bultoota biyyattiitti yaaddoo biraa dabalee jira.
Gabaasni tibbana ba’aa jiru akka ibsutti, gatiin xaa’oo baranaa kan waggaa darbee waliin yemmuu madaalamu, %150 oliin dabaluu eeruudhaan, kunis qonnaan bultootaaf mataa dhukkubbii fi yaaddoo ta’eera.
Waggaa darbe gatiin xaa’oo kuntaalli tokko birrii 1700 kan ture barana garuu dachaan dabaluun kuntaalli tokkoo birrii 4200 ol ta’eera.
Gatiin xaa’oo dabaluun qonnaan bultoota biratti ijoo haasaa ta’ee jiraachuun kan ibsame yoo ta’u, qonnaan bultootni harka qalleeyyii ta’an gatii jedhame kanaan xaa’oo bitanii qonnaaf oolchuu akka hin dandeenye ifa godhu.
Yeroo ammaa akka guutuu biyyaatti jireenyi haala mul’atee hin beekneen qaala’uun lammiilee akka malee hiraarsaa kan jiru ta’uun yoo beekamu, waan bitanii nyaatan kan akka Zayitaatti dabalee ammoo gatiin kiraa manaas dhimma ijoo ummata akka malee hubaa jiruu fi jireenya itti hadheesse ta’uun bal’inaan mul’ataa jira.
Ji’oota muraasaan dura haala lolaa keessatti illee dinagdeen Itophiyaa guddina agarsiise jedhamee gabaasni mootummaan dhihaate osoo ji’a illee hin guutin qaala’iinsi jireenyaa samii tuquu irraa jireenyi lammiileetti hadhaawuun, gabaasa mootummaan dhihaate kan fudhatama dhabsiise akka ta’e addeessameera.
Gama biraan qaala’iinsa wantoota jireenyaaf barbaachisan amma mudate rakkoo keessoo fi dinagdeen biyyaa dadhabuu irraa osoo hin taane, haala addunyaa irratti mul’atu, keessumaa lola Raashiyaa fi Yukureeniin walqabatee mul’ate, kan addunyaan irraa haasawaa jirutti qabachuuf yaaluun mul’ataa jira. Kun garuu dhugaa irraa kan fagaatee fi fudhatama kan hin qabne, rakkoo ykn jeequmsa siyaasaa fi lolaa biyyattiin keessatti kuftee jirtu irraa kan uumame dhoksuuf yaaluu dha jechuun hayyootni dinagdee ammoo isa mootummaan PP jedhu fudhatama dhabsiisanii jiran.
Impaayerri Itophiyaa fi sabaa fi sab-lammootni keessatti argaman yeroo ammaa kana jeequmsa siyaasaa fi lolaan, qaala’iinsa jireenyaa, hongee fi beelaan akka malee qabamuun lubbuun namaa balaa hamaa irra bu’ee jira. Lammiileen miliyoonotaan herregaman ammoo beelaaf saaxilamuun gargaarsa idil addunyaa kan fedhan ta’uu Tokkummaa Mootummootaa dabalatee qaamotni idil addunyaa hedduun ibsaa jiran.
Rakkinoota biyyattiin keessa turtee fi jirtu irraa akkasumas haalota yeroo ammaa mumul’atan irraa jeequmsi siyaasaa jiru yeroon furamee waliigalaaf furmaatni gama hundaa ammatti ni dhufa kan jedhu abdiin waan mul’atu hin fakkaatu.
Dhugaan rakkoo biyya kanaa furuuf sochiin gara kanatti fidu qaama biyya bulchu irraa mul’ataa waan jirreef, jeequmsi siyaasaa, lolli, jireenyi qaala’uu fi rakkinootni mumul’atoo ta’an dafanii furmaata argatu kan jedhu mul’ataa akka hin jirre hayyootni siyaasaa fi xiinxaltootni deemsa polotikaa Itophiyaa jala bu’an ibsuu irratti argamu.