Lixa Shaggar Daannootti pp Humna Qilleensaan ummata irraan miidhaa geesise.

 

Humni Qilleensaa Mootummaa Paartii Bilxiginnaa Shawaa Lixaa Daannootti uummata nagaa irratti haleellla qilleensaa raawwachuun dhaga’ame.

SQ-Bitootessa 9,2023

Godina Shawaa Lixa Ona Daannoo bakka Qaallee jedhamutti har’a Bitootessa 9,2023 humni qiileensaa Bilxiginnaa uummata nagaa irratti haleellaa xiyyaara MIG jedhamun raawwaten yeroo gabaasa kana qindeessinetti namoota nagaa 7 ajjeessun heddu madeessu SQ odeeffateera.

Namoota haleella kanaan ajjeefaman keessa manguddoo umurii 68 kan ta’an Obbo Abdiisaa Bakaree ta’u odeesi SQ qaqqabe ifa godha.

Kana malees xiyyaari PP MIG jedhamu Nyamar Gindabarat irras maraasa jiraachuu odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *