Qondaali ABO jaal Obbo Battee Urgeessaa Dhibee Tiruun Qabamee Wal’aansa Dhorkame!
(SQ-Bitootessa 5,2022)
Itti gaafatamaa Sab-qunnamtii ABO jaal Battee Urgeessaa dhibee tiruu(Hepitis B) qabamuus tajaajila wal’aansa akka hin arganne dhorkamu isaa odeeffannoon maddeen maatiisaaf dhiyeenya qaban irraa argame ni ibsa.
Pirezidaantiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa, Dirribii Dammisee, Batteen dhibee tiruun akka qabamee fi Poolisiin wal’aansa akka hin arganne dhorkuu himaniiru.
Baatii darbe keessa hoggantootni Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) hidhaa seeraan alaa mormuun lagannaa nyaataa eegalan, kan akka jaal.Mikaa’el Booran, jaal Kennasaa Ayyaanaa, jaal Daawit Abdataa, jaal Lammii Beenyaa, jaal Gadaa Gabbisaa fi Itti gaafatamaan Sab-qunnamtii Uummataa ABO jaal Battee Urgeessaa dadhabanii gara hoospitaalaa geeffamanii turan.
Obbo Dirribiin itti dabaluun akka jedhaitti, “Dhibee tiruun kan qabame Batteen ammallee haalli dhibamusaa kan mul’atu yoo ta’u, dhibbaa dhiigaa fi dhibee sukkaaraan dhibamaa kan jiru jaal Kennasaa fi kanneen gara Hospitaalaa geeffaman biroo wayyaa’a jiru” jedhan.
Ji’a Guraandhala keessa, Obbo Dirribiin ogeeyyiin fayyaa “Nyaata nyaachuu waan hin dandeenyeef dura gulukoosiin wallaanamuu qabu” akka jedhan dubbatanii turan.