Har’i Yaadannoo Waggaa 5ffaa Wallisaa fi Qabsa’aan Oromoo Art.Hacaaluu Hundeessaa Itti Ajjeefamee dha. Haqni Hacaaluu Waggoota 5f ukkaamfamee jirus mul’atuu qaba.
Ijoo Dubbii ABO – Waxabajjii 29, 2025
Faajjii Qabsoo Bilissummaa ta’ee, qabsoo fi warraaqsa ummata keenyaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu Artistiin jaallatamaa Hacaaluu Hundeessaa Waxabajji 29, 2020 waggaa shanan har’aa gara jabina hamaadhaan ajjeefame.
Addatti sochii dargaggootaa Qeerroo Bilisummaa keessatti sagalee isaa olaanaadhaan diina raasaa kan ture qabsa’aan ilma biyyaa Art.Hacaaluu Hundeessaa, haala suukanneessaa fi hamaadhaan itti yaadamee, karoorfamee ajjeefamuun isaa ummata Oromoo qofa osoo hin taane guutuu biyyattii rifaasise.
Dargaggoonni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa balaaleffachuun gaddaa fi mormii qaban ibsachuudhaaf ba’an hedduun haala suukanneessaadhaan ajjeefamuu fi hidhaattis guuramuu ni yaadanna.
Ajjechaa qabsa’aa Oromoo Art.Hacaaluu Hundeessaan walqabatee hooggantoota siyaasaa Oromoo, qondaalota, miseensotaa fi deggertoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo guuranii mana hidhaatti naquudhaan achi keessatti itti roorrisan. Addatti hoogganootnii fi qondaalotni ABO badii tokkoon maleetti bakka hojii fi mana jireenyaa isaanii irraa seeraan ala humna mootummaan qabamanii waggootaaf manneen hidhaa garagaraa keessatti hiraarfamuun isaanii kan dagatamu miti.
Wayta waggaa 5ffaa ajjechaa Artistii jaallatamaa qabsa’aa Hacaaluu Hundeessaa kabajannu kanatti ilmaan biyyaa haqa ummata isaanii gadi baasuu fi sagalee ta’uufii isaanii qofaaf sirnoota bittaa impaayera Itophiyaa adda addaan haala suukanneessaan ajjeefamanii fi achi buuteen isaanii dhabame hedduu isaanii waliin yaadatuuf dirqamna. Seenaan isaanii akka hin banneefis ol kaasnee guyyaa kana mul’isuutu nu irra jiraata.
Wellistoota Oromoo sirnoota impayera Itophiyaan ajjeefamanii fi bakki buuteen isaanii dhabamsiisame keessaa kanneen akka: Abdullaahi Arsii, Ayyuub Abubakar, Abubakar Muusaa, Musxafaa Abdii (Harawwee), Ahmed Kebiraa, Ayyaantuu Booranaa, Himee Yusuuf, Kulanii Boruu, Sabboontuu Bareentuu, Boonsisoo Callaa, Hordofaa Bareentoo, Jireenyaa Ayyaanaa, Eebbisaa Adduunyaa, Xannaa Wayyeessaa, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Baahiluu Girmaa, Zennuu Mokonnon, Yoosef Gammachuu, Maaramee Harqaa-Kaasaa, Daadhii Galaan, Cawwaaqa Yaaddessaa fi kanneen maqaan hin dhahamin waan quuqqaa uummata isaanii irra jiru saaxilaniif qofa ajjeefamanii gariinis achi buuteen dhabamsiifaman guyyaa kana yaadatuun dirqii ta’a.
Artist Haacaaluu Hundeessaa imaanaa artistoota haqa saba isaaniif jedhanii diinaan ajjeefamanii baatee, aartii sirbaatiin aadaa, afaan, eenyummaa, seenaa fi duudhaa Oromoo dagaagsuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Artist Hacaaluun wellisaa qofa osoo hin taane, qabsaawaa sabaa murataa, kan waan itti amane gochuu fi raawwatuu irraa of booda hin jenne, falmaa mirga dhala namaa, roorroo fi hacuuccaa ummata isaa irra gahu sodaa tokko malee nama dirreetti ba’ee cunqursitootaan mormee dha.
Artistii qabsaawaa sabaa, falmaa mirga dhala namaa, kan ummatni akka qaroo ija isaatti ilaalu bu’aa siyaasaaf ajjeesuun, kanaanis sababeeffatanii gaaga’amni akka waliigalaatti dhaqqabsiisan godaannisa seenaa ta’ee guyyicha kan ittiin yaadannu ta’uu ABOn irra deebi’ee hubachiisa.
ABOn, har’as haqni Hacaaluu akka barbaadamu jabeessee gaafata. Ummatnis guyyaa isaa kabajuu, maqaa isaan qophiilee adda addaa geggeessuutti dabalee, haqni isaa akka awwaalamee hin hafne, dhugaan isaa akka ifa ba’ee xumura argatuuf akka barbaaduu fi gaafatu cimsee hubachiisa.
Qabsaawaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 29, 2025
Finfinnee
https://t.me/hordofaa