Sirni Gadaa Madda Dimokiraasii Ammayyaa Gaaddisa Marii fi Marabbaa Oromoon Makkoo fi Rakkoo Isaa Keessatti Mari’atuu dha.
Ijoo Dubbii -ABO
Oromoon ummanni bal’aan bara Sirna Gadaan bulu, dhibdee keessaa fi alaa Gaadisa Sirna Gadaa jalatti furata. Caffeen tumaa Sirna Gadaa Oromoo inni waloo Madda Walaabuu haa tahu malee, goleelee Oromiyaa cufa keessatti caffee tumaa Sirna Gadaa mataa isaa qaba.
Akka kanaan, Caffeen Tumaa Sirna Gadaa Tuulamaa sirna wal harkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa gaggeessuufjiru jilli isaa Tuulama qe’ee isaarraa godaanuun, Guyyaa Kaleessaa Waxabajjii 12, 2025 teessuma Odaa Nabee qubatee jira.
Oromoon Sadeen Tuulamaa Daacci, Bachoo fi Jiille qe’ee fi araddaa ofiirraa gara gaaddisa Odaa Nabeetti imale nagaan iddoo gahumsaa dhaqqabeera. GadaanTuulamaa Odaa Nabee qubate sirna Araaraa erga gaggeessee booda godaansa Caffee Tumaatti taasisuun jiloota gara garaa akka gaggesutuu ifa tahe.
Jilli kun bobbaa isaa kanaan Caffee Tumaatti seera dura ture ni fooyyessu, haaraa ni baasu. Ergasii Muudanni seera fuudhee gara gosaa deebi’uun Bultoo bulu ykn seera tumame miseensa Gadaa hafee fi ummata faana mari’atu. Xumura irratti imala isaa kanaan waan irra gahe Caffee Tumaatti deebi’uun seera waggaa saddeetiif ittiin bulamu ni raggaasisa jedhamee eeggama.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo ABO n durfamu, qabsoo dimokiraasii, mirga abbaa biyyummaa, walqixxummaa sabaa fi sab-lammootaa ti. ABOn, dimokiraasii haqaa lafa qabsiisuuf qabsoo taasisu keessatti Sirni Gadaa bu’uura dimokiraasii hammayyaa tahuu baree, qabsoo haqaa ummanni keenya rakkoo gama hundaan keessatti kufe keessaa akka bahuuf wareegama barbaachisu cufa kaffalaa tureera; ammas itti jira.
Kanuma waliin Caffeen Tumaa Sirna Gadaa Tuulamaa sirna wal harkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa gaggeessuufjiru Bobbaa fi galli isaa akka Milkii tahu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) n hawwii isaa ibsata.
Maayii irraatti ABO n, Sirna Gadaa Oromoo diinaan cabee bakka turetti deebisuu, duudhaa fi safuu ummata keenyaa bakkatti tiksuun aadaa Oromoo hundeen jabeessuuf hojjata. Ummanni keenya goleeleeOromiyaa cufa keessa jirtan hundee dimokiraasii hammayyaa kan tahe Sirna Gadaa tikfachuun, jabeeffadhaan dhaamsa keenya.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 13, 2025
Finfinnee