Waamicha lammummaa sab-boontota Oromoo hundaaf
Waajjirri ABO Wiirtuu (Gullallee) waggoota shaniin booda, Waxabajjii 09, 2025 dhaabichaaf deebi’uu ABOn ibsee jira. Yeroo ammaa Waajjirri kun haalaan kan miidhamee fi haaromsa kan gaafatu ta’uu haala waajjirichi keessa jiru qabatamaan arguun hubatuun ni danda’ama.
Haaluma kanaan ABOn waajjira isaa gadi lakkisameef kana haaromsee dhimma itti bahuuf Sagantaa Dinagdee Maddisiisuu, karaa ZOOMiin Waltajjii Marii Gargaarsaa Waxabajjii 15, 2025 gaafa Dilbataatti qopheessee waan jiruuf, akka irratti hirmaattanii fi tumsa keessan gootan ABOn kabajaan yaamicha isinii godha.
Kanneen sagantaa kana irratti argamuu hin dandeenye ykn hiree isaa hin argatin biyya keessaa fi alatti argamtan karaa caasaa dhaabaa naannoo keessanitti argamuun gargaarsaa fi tumsa keessan akka gootan yaamicha lammummaa isiniif dabarsina.
Gullalleen Ardaa Seenaa, Wiirtuu Abdii Oromiyaa fi Gaanfa Afiriikaa ti. ABOn Waajjira isaa kan Muummee kanatti deebi’ee hojii qabsoo itti fufuuf waajjiricha ganna 5niif uggura siyaasaa jala ture deebisee haaromsatuu fi hojii qabsoo itti fufuun murteessaa waan ta’eef, waan dandeenyuun ABO cina haa dhaabbannu; haa gargaarru!
Qindeessitoota Sagantichaa