Waraanni Bilisummaa Oromoo ajjeechaa naannawaa Gimbiitti raawwatamee cimsee balaaleffachuun qaamoleen walabaa akka qorataniifis waamicha dhiyeessee
(SQ-Waxabajjii 20,2022)
Waraanni Bilisummaa Oromoo dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, mootummaan yakkicha WBOtti qabachuuf olola maqa balleessii ofaa jiraachuu hime.
Haata’uutii garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatee bu’aan siyaasaas ta’e kan loltummaa argatu hin jiru kan jedhe. Waraanni Bilisummaa Oromoo, inumaa WBOn haleellaa namoota nagaa irratti humnoota mootummaa Bilxiginnaan raawwatamu uummata irraa qoluuf qabsootti jirra jedhee.
Mootummaan ajjeechaawwan suukkaneessoo raawwatee Waraana Bilisummaa Oromootti qabachuu har’a hin jalqabne kan jedhu ibsichi, booda irra dhugaan jiru kan bahe mootummaan Abbootii Gadaa Karrayyuu fixee WBO maqaa balleessuuf yaaluun fakkeenya yeroo dhihoo akka ta’e yaadachiiseera.
Taateen Toleetti ta’es kana irraa adda akka hin taane himee, ajjeechaa kana garee milishaa mootummaan bobbaase Gaachana Sirnaa jedhamutu raawwate jedhe.
Mootummaan yakka naannawaa sanatti raawwatu dhoksuuf akka qaamoleen walabaa bakkas hin geenye dhorkaa jiraachuu Waraanni Bilisummaa Oromoo himeera.
Gochaa suukkaneessaa mootummaan uummata nagaa irratti raawwataa jiru qaamoleen walabaa akka qorataniifis Waraanni Bilisummaa Oromoo waamicha dhiheessee jira