Gujii Lixaatti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 4 ajjeesuun beekame.

Gujii Lixaatti waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 4 ajjeesuun beekame.

(SQ-Fulbaana 11,2022)

Maqaa sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun kutaalee Oromiyaa hunda keessa kan bobbaafaman waraanni faashistii Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti ajjeechaa suukanneessaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.

Haaluma kanaan fulbaana 7/2022 Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbayyaa Ganda Dibichaatti maanguddoota 3 fi dargaggoo 1 badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen SQtti himan.

Namoonni badii tokko malee waraana Bilxiginnaatiin ajjeefaman kanneen maqaan isaanii, Obbo Galchuu Baggajjoo Maanguddoo ganna 60, Obbo Geeloo Gilaa maanguddoo gannaa 70, Obbo Culluuta Qal’aa Maanguddoo Ganna 58 fi Uddeessaa Waaqoo dargaggoo ganna 20 ta’uu odeeffanneerra.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Namoonni waraana faashistii Bilxiginnaatiin ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessa hin qabneefi hawaasa biratti jaallatamummaa guddaa qaban yoo ta’an, badii qabaatanii osoo hin taane maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhu itti maxxansuun haala suukkanneessaan ajjeesan jedhu.

Mootummaan Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *