Obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana bara haaraa Xoophiyaa ilaalchiisun rakkoolee Oromiyaa keessatti muudataniif Dhiifama gaafate haa ta’u malee dubbiin obbo shimallis Oromoo sobuuf kan jedhame fakkaata.
(SQ-Fulbaana 11,2022)
Ayyaana bara 2015 akka Xoophiyaa guyyaa kaleessa kabajame ilaalchiisun hasa’aa kan godhe Perezedaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa “Haanqinaaleefi rakkoolee Naannoo Oromiyaa keessatti muudataniif anatu itti gaafatama; rakkoo muudateefis gadii jedhe dhiifamaan isiin gaafadha” jedhee.
Haa ta’u malee Obbo Shimallis Bara 2013 akkasuma dhiifama gaafatte ture. garuu Yakki Oromiyaa keessaa daranuu hammaataa deeme malee hin fooyyofne.
Yeroo Shimallis Abdiisaa dubbii kana dubbatutti hidhamtootti Siyaasa Oromoo kuma hedduun kan lakkawwaman mana hidha inni hogganuu keessatti gidiraa argaa jiru.kana malees hidhamtootni siyaasaa hedduun mana hidha keessa baafamun ajjeefama jiru ajjeefamas turan.dubbiin Obbo Shimallis Oromoo sobuuf malee kan dhugaan badii rawwaataniif dhifama gaafatan miti.
Dhuguma yakka, raawwataa baa’niifi jiraniif dhiifama gaafattu osoo ta’e jalqaba hidhamtoota siyaasaa cubbuudhaan waajjira Poolisii fi kaampii waraanaa keessatti dararamaa jiran hiiku ture.
bara bulchiinsa Shimallis Abdiisaa keessatti abbootii Gadaa Karrayyuu rashannaman, hanna, gandummaa fi malaammaltummaa raawwatamu daraan babalaate, Finxaaleyyiin Amaaraa daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun Oromootti roorrisan, miidiyaan Bilxiginnaa sagalee uummata ukkaamsun , hooggantoota ABO, KFO irratti ololuutti xiyyeeffate.
Artist Haacaaluu Hundeessaas bulchiinsa Shimallis Abdiisaan nyaatame. Galaanaa Imaanaa, akkasuma Osoo qondaali ABO jaal Lammii Beenyaa murtii malee,manni murtiis bilisa jedhee dararamuu obboleesi isaa waraana Shimallis Abdiisaan rasaasaan reebame ajjeefame, Dargaggoo Amanu’eel Wandimmuu guyyaa adii addababa’ii irratti waraana Bilxiginnaan ajjeefame,Qotee bulaan Oromoo qe’ee isaa irratti waraana Bilxiginnaan manniif qabeenyi isaa jala saamame ajjeefama alaatti hafa jira.
Mootummaan naannoo Oromiyaa jedhamu Ollaa Oromoo mallaaqaa mili’onaa kumaa 100n tumsuun ormaa hidhachiisaa Oromoo irra ammoo hidhannoo hiikee yakka waraana sabaa Oromoo irratti rawwaacha dubbii tufiif qosaa fakkaatun dhifama hiika hin qabne gaafachuun obbo Shimallis madaa Oromoo tuttuquuf kan yaales fakkaata.