Bilxiginnaa duula guddaa waraana Bilisummaa Oromoo loluu jedhuun waraana hedduu Oromiyaatti bobbaasaa jiraachuun dhagaa’ame.

Bilxiginnaa duula guddaa waraana Bilisummaa Oromoo loluu jedhuun waraana hedduu Oromiyaatti bobbaasaa jiraachuun dhagaa’ame.

(SQ-Bitootessa 24,2022)

Sanabata darbee irra eegalee bifa adda ta’een Bilxiginnaan Godinaalee Oromiyaa hunda Salaalee, Wallaggaa arfan , Giddugaleessa fi Shawaa Kibba Lixaa keessatti humna waraanaa baay’ee bobbaasuun lola guddaa eegaluuf qophiitti jiraachuu maddeen keenya nuuf himan.

Humni waraana Bilxginnaa kun meeshaa gurguddaa fi reeshina waliin bobba’aa kan jiran yoo ta’u bulchitoota aanaa fi godinaatiin qubsiifamanii Oppireeshiniidhaaf qophaa’aa jirus jedhu.

Aanaalee irratti waraanni koreen qindeessituudhaan qubsiifamaa kan jiru yoo ta’u, eenyu maal akka gochuu qabus gahee walii qoodaa jiru jedhameera. Koreen kun namoota nagaa Bilxiginnaaf yaaddoo ta’an “kan ajjeefamanii fi kan hidhaman” jechuun adda baasaa jiraachuus dhageenyeerra.

Kana waan ta’eef uummanni baha gala isaarratti of eeggannoo akka godhu, Namootni Bilxiginnaadhaan ija shakkiitiin ilaalaman lafa gabaa fi uummanni baay’inaan walitti qabamu irraa akka of qusatan dhaamameera.

waraanni Bilxiginnaa yeroo adda addatti maqaa Shanee balleessina jedhuun uummata nagaa jumlaan ajjeesaa , mana fi qabeenya uummataa gubaa kan tureefi jirudha.

Ammas maqaa duula Shanee jedhuun Waraanni Bilxginnaa Oromiyaa guutuutti bobba’aa jiru gocha sanyii duguuggaa uummataa Oromoo irratti raawwachuuf kan qopha’aa jiru waan ta’eef uummanni of eeggannoo guddaa godhuu qabaan dhaamsa keenya.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *