Waldaan Wabii Maccaa ajjeechaa Jumlaa Agamsaatti Faannoon raawwate balaleeffachuun gargaarsa walitti qabuu eegale.

Waldaan Wabii Maccaa ajjeechaa Jumlaa Agamsaatti Faannoon raawwate balaleeffachuun gargaarsa walitti qabuu eegale.

(SQ-Fulbaana 7,2022)

Waldaan Wabii Maccaa (WWM) ajjeechaa jumlaa jiraattota magaalaa Agamsaa, Godinaa Horroo Guduruu bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatame jabeessee ni balaallefata.
Nuti geggeesitootni Waldaa Wabii Maccaa oduu suukkaneessaa waa’ee ajjechaa gara jabinaan aanaa Amuruu Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatame sabquunnamtiin biyya keessa fi alaa kan idilee adunyaa garaa garaatin tibbana kana kan gabaafamaa jiru yeroo dhageenyu hedduu rifannee gadda guddaa keessa jirra. Hanga ammaatti,
Namootni nagaa dhibba tokko ol akka ajjeefaman fi kumaatamni immoo qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an, manneen hedduu akka gubatan akkasumas qabeenyaan jiraattotaa akka saamame fi
barbadaa’e gabaasaaleen kun ni tilmaamu.
Saba keenya irratti gochaan gara jabina akkasii raawwatamuun isaa hedduu nu naasisee nu gaddisisee jira. Gochaan akkasii irra deddeebifamee warra goolessituun raawwatamaa jiru jabeessine ni balaalefanna.
Akka gabaasa sab-quunnamtii garaa garaa irraa hubanetti, gochaa jiraattota nagaa fi hidhannoo maleeyyii ta’an irratti kan raawwatan hidhatoota Amaaraa Faannoo jedhamanii kan beekamaniin akka ta’ee dha. Warri hidhatootni finxaaleyii amaaraa kun beekamtii mootumaa naannoo Amaaraa kan qaama mootummaa federaala Itoopiyaa tin akka socha’anis ni beekama. Itti gaafatamummaan nageenya uummaataa fi qabeenyaa isaanii eeguun akka seera biyyattiitti kan mootummaa dha.
Waldaan Wabii Maccaa gochaa namooma irraatti raawwatame kana balaalefachaa ajjechaan uummata nagaa irratti raawwatu akka dhaabbatu fi furmaata waaraa akka argamuuf maree qoomota hundumaa hirmachiise akka eegalamu gaafachaa, tarkaanfii armaan gadii karoora gabaabaa keessatti akka fudhatamu gaafanna:
1. Moortummaan federaalaa fi naannoo Oromiyaa nageenya jiraattotaa aanaa fi naannoo kanaa hatattamaan mirkaneessuu qaba.
2. Guyyaa gaddaa naannoo Oromiyaa maratti akka labsamu.
3. Mootummaan lubbuu jiraattota magaalaa Agamsaa fi qabeenyaa badeef itti gaafatamummaan gatii akka baasu.
4. Qaama idile adunyaa walaba ta’aniin qorannoon daddaffiitin akka geggeefamu.
5. Kanneen hidhattoota gochaa kana raawwatan seeratii akka dhi’atan gaafanna. Maayii irratti, uummata keenya waliin akka dhaabbannu fi waan humni keenya hayyameen warra buqqa’anitti dirmachuu akka itti fufnu beeksifna.
Akkasuma hawwaasa Oromo biyyoota ambaa jiraattan Saba keenya qe’ee isaa irratti dhumaa jiruuf akka sagalee taatan fi waan dandeessanin akka gargaartan isin gaafanna.

Dhuma irrattis Waldaan Wabii Maccaa karaa gargaarsa walitti qaban toora gofund me qopheessani kan jiran yoo ta’u toori sunis page Gadaa Media Network kana irratti ni argattus jedhaniiru.

Fundraiser by Fekadu Ayana : Fundraising for the Agamssa Massacre Victims (gofundme.com)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *