Finfinnee fi Naannawaa isheetti Hidhaan Ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffate jabaatee itti fufee jira.
(SQ-Fulbaana 6,2022)
Barreessituu Kitaaba Asoosamaa “Ulfa Ulfaate” kan jedhuu kan taate Yeroosan Abarraa Tolasaa (Yeroosan Haadha Xiiqii) Siinan Huseen,Eeliyaas Laggasaa fi Gammachiis Hambisaa dabalatee dargaggootni hedduun bakka jireenyaa isaanii irraa qaamota tikaa fi poolisoota sirna Bilxiginnaan ukkaamsamanii bakki buuteen isaanii dhabamee jira.
Obboleettiin Yeroosan Abarraa, Liidiyaa Abarraa mana hidhaa mootummaa Bilxiginnaa keessatti murtii dabaan dararamaa kan jirtu yoo tahu, abbaan isaanii Obbo Abarraa Tolasaa hidhattoota Bilxiginnaan ajjeefamuun qabeenyaa fi qe’een isaanii manca’uus maddeen gabaasaniiru.