Baalee Lixaa Agaarfaatti waraanni Bilxiginnaa manneen 20 qabeenya waliin gube
(SQ-Onkoloolessa 26,2022)
Godina Baalee Lixaa aanaa Agaarfaa ganda Odaa Nageellee jedhamutti waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa manneen namoota 20 qabeenya keessa jiru waliin guutummaatti barbadeessuu maddeen nuuf himan.
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu, ilma keessantu Bosona jira, abbaa mana keetu bosona jira jedhu uummata nagaatti maxxassuun manaaf qabeenya sabaa Oromoofi lammilee Oromiyaa guba kan jiru waraanni Bilxiginnaa Agaarfaattis sababa ga’a tokko malee manneen namoota 20 gubun yeroo amma kana maatiin manni jala gubate dirree irratti faca’aanii rakkoo keessa jiru jedhame.