Hundeeffama Godina haaraa Boorana Bahaa hordofee mormii ka’een lubbuun namaa darbe.

Hundeeffama Godina haaraa Boorana Bahaa hordofee mormii ka’een lubbuun namaa darbe.

(SQ-Botootessa 2,2023)

Nageelleen godina Boorana Bahaatti deebi’uudhaan magaalaa Godina haaraa kanaa ta’uu hordofee mormii ka’een humnoonni nageenyaa mootummaa mormitootatti dhukaasuun ajjeechaa raawwatan.

Magaalaan Nageellee kana duras madda waldhibdee hawaasa Booranaafi Gujii ta’aa kan turte tibbana mootummaan naannoo Oromiyaa Godinaafi magaalota bifa haaraan gurmeessuu keessatti Godina Boorana Bahaa wayita hundeessu magaalaa Nageellee teessoo magaalaa Godina haaraa kanaa taasisuusaa hordofee aanotaafi magaalota Godina Gujii tokko tokko keessatti mormiin ka’eera.

Haala kanaan mormii Godina Gujii Aanaa Booreetti ka’een lubbuun namoota nagaa lama darbuufi lama immoo madaa’uun himameera.

Akkaataa murtee Mootummaa Naannoo Oromiyaa kanaan magaallaan Nageellee kan duraan Gujii jala turte gara godina haaraa hundaa’etti deebi’uu isheetiin kanneen gammachuu ibsan akkuma jiran, kan mormanis jiru.
Ajjeechaa raawwate kanaaf humnoota nageenyaa mootummaatu himatame. Dhimma kanarratti aangawooni ammatti deebii hin kennine.

Akka BBCn jiraattota wabeeffatee gabaasetti, aanaa Booretti hiriirtonni lama poolisii idileedhaan yommuu ajjeefaman, aanota kaan bakka hiriirri itti geggeeffamaa jirutti hiriirichi karaa nagaa geggeeffamaa jira.
Murtiin darbe kun marii uummataafi kan hoggana Godina Gujii malee akka ta’etu himama gama mormitootaan.

Akkasumallee mormii Kanaan wal dhabdee qaama hoggansa mootummaafi uummata gidduutti uumameen lubbuun hojjetaa mootummaa tokkoo darbeera. Akka waliigalaatti aanaa Booree keessaa namni sadii sababa mormii Kanaan ajjeefamaniiru.

Magaalaan Nageellee duraan Nagellee Booranaa jedhamuudhaan bulchiinsa Godina Gujii jalatti magaalaa guddoo Godina Gujii ta’uudhaan tajaajilaa turte. Dhimmi magaalaa Nageellee Booranaa moggaasa maqichaa irraa kaasee yeroo garaa garaatti hawaasa Gujiifi Booranaa biratti anaaf malaa irratti falmiitu ture. Faallaa kanaan immoon murtee kana hordofee hawaasni Booranaa murtee kanaan gammachuu ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *