Addi Bilisummaa Oromoo uummata Booranaa Hongeen miidhamaa jiraniif qarshii 100,000 (Kuma dhibba tokko) gumaachuu beeksisie.
Addi Bilisummaa Oromoo balaa hongee godina Booranaatti mudatee lubbuu beelladoota horsiisee bultootaa miliyoonaan lakkaayaman galaafatee lubbuu namoota galaafataa jiruuf kan itti gaafatamuu qabu Mootummaan yeroon fala kaayuu dadhabuu fi maal na dhibdeen akka balaa hongee kana akkaataa ummatni ittiin dandahmatu kaayuu dhiisuu isaaf itti gaafatamummaa fudhachuu qaba jecha kan turee fi tibbanas ibsa baaseen qaamoleen idil addunyaa akka dirmataniif mootummaan aangoo of harkaa qabu fala kaayuu fi waamicha gochuu akka qabu akeekuun isa ani yaadatama.
Balaan Hongee Godina Booranaa mudate kan haalaan hammaataa fi lubbuu namoota gaaga’aa jiru tahus lammiileen Oromiyaa fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa dabalatee namootni kallattii hundaan gargaarsa gochuutti jiraatanis yoo rakkoon bu’uuraa furamuuf tattaaffiin hin taasifamne gargaarsi ummatni godina Booranaaf taasisaa jiru fala maayii akka hin taanes qaamoleen adda adda ani himu.
Yeroo ammaa kana balaa hongee godina Booranaatti mudateef gargaarsa godhamuuf cinaatti bishaan boollaas tahe bakkee biro irraa tekinooloojii ammayyaa fayyadamuun naannoo godina Booranaatti qaqqabsiifamuun fala tokko tahuu akka dandahus beektotni ni dubbatu.
Mootummaan naannoo Oromiyaa balaa Hongee Godina Booranaa mudatee jiruuf ammallee akka humna mootummicha aol hin taanetti fudhachuun namootni miidiyaalee hawaasaan afarsan akka of qusatan jechuun karaa itti aanaa Peresedaantii Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii tibbana dubbachuun lubbuu namoota darbuutti qoosaa jiraachuu kan mul’isedha.
MNO gargaarsa namootni dhuunfaa funaananii gara godina Booranaaatti erguuf tattaafataa jiranis galateeffachuun gargaarsi kamuu kan qaqqabuu qabu karaa Mootummaan qindeesse gama Buusaa Gonofaa jedhamuun akka tahee fi namootni gargaarsa funaantanii jirtanis akka account maqaa Buusaa Gonofaa Oromiyaatti dabarsitan jechuun akeekee jira.
Gargaarsa lammiilee bala ahingeen mudateef funaanamaa jiru gama MNO yoo ergame akka ummata sana osoo hin qaqqabiin walakkaan isaa harka namoota qabeenyaa ummataa saamanii jiraatuu baraniin akka nyaatamuu dandahus akeekuun taatee waggoota shan dura yeroo ummatni keenya gama baha Oromiyaa lola daangaa Somaaleen buqqa’ee funaaname gama gargraasa lammiin lammiif jedhuun ummata irraa guurame harki caalaan namoota dhuunfaan nyaatamee hafuun isaa yaadannoo yeroo dhiyooti.