Caasaan ABO magaalaa Shaggar jiru haala yeroo irratti waajjira ABO Muummeetti mariiyatan.

Caasaan Jaarmiyaa Adda Bilisummaa Oromoo Magaalaa Shaggar Haala Yeroo Irratti Marii Gaggeeffate.

 Caasaan jaarmiyaa ABO marii haala yeroo irratti waajjira ABO Muummee, Gullalleetti Fulbaana 07, 2025 har’a godhateen haalli5 Oromoo fi Oromiyaan keessa jiran baay’ee ulfaataa ta’uu hubachiise. Kanas qabxiilee hedduu kaasuun ifoomsan.

Akka kanaan qabxiileen ijoon kaasanii iratti mari’atan,

1)  Bara Oromotu biyya bulcha jedhanitti, daanagaan Oromiyaa alagaan sarbamuu osoo arganii qaamni ani Oromoo dha ofiin jedhu cal jedhee ilaaluun ummatichaaf dantaa dhabuu kan agarsiisu ta’uu,

2)  Mirgi namoomaa fi dimokiraasii ummata bal’aa sarbamuun goleelee Oromiyaa cufa keessatti yaaddoo tahee itti fufuu,

3)  Ummata Oromoo Lixa Oromiyaa Godina Hoorroo Guduruu Wallaggaa Ona Abee Dongoroo irraa buqqaafamee beelaa fi dheebuun dararamaa jiruuf Oromoon bakkayyuu akka birmatuufii qabuu fi 

4)  Ummanni Oromoo bal’aan rakkoolee siyaasaa wal xaxaa biyyattii mudatee fi Oromoo korkode qabe keessaa bahuuf, bakka jiruu gandeen baadiyaa Horsiisee bulaa fi Qonnaan bulaa baadiyaa hanga Onaa fi Godinaatti dammaqee ijaaramuun of tahee, wal tahee hiree isaa ofii murteeffatuu akka qabuu fi dhimmoota fakkaatoo biroo irratti marii bal’aa taasisanii mikiin xumurataniiru.

Maayii irratti gaafatamaan jaarmiyaa ABO magaalaa Shaggar Jaal Dabaluu Damee haasaa taasisaniin, Qabsoo Bilisumma Oromoo ABOn durfamu keessatti dhimmi ijaarsaa dhimma fardii tahuu eeranii, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n carraa argame cufatti dhimma bahee ummata isaa ijaaruu, barsiisuu, dammaqsuu fi hubannoo qixxaataa kennuufiin qabsoo Oromoo utubanii, itichanii akka cina dhaabbataniif ni hojjata jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *