Lixa Oromiyaa , Giddu Galeessa fi Kibbaa Oromiyaa irraa networkiin bakkoota tokko tokkotti adda citee jira.

(SQ-Gurraandhala 26,2022)

Mootummaan Bilxginnaa Oromiyaa bakkoota heeddutti Uummata Oromoo ajjeefasa, hidha, qabeenya isaa barbadeessaa, qe’ee isaa irraa buqqisaa jira.

Rakkoo uummanni Oromoo bakka adda addaa keesaa jiru akka hin dhagaa’amneef. Daataa fi networkiin bilbilaa bakkoota hedduutti badeera. Keessumaa wallagga lixaa, Qellem wallaggaa, Shawaa Lixaa ,Shawaa kaaba lixaa fi Kibbaa Oromiyaa tajaajilli bilbilafi interneeti cituun waraanni cimaan uummataa Meesha Maleeyyii irratti adeemsifamaa jira.

Yeroo dheeraaf Mootummaan Bilxginnaa Dhihaafi Kibbaa Oromiyaa irraa tajaajila Bilbilaaf Interneetii baleessun gocha sanyii duguggaa rawwaacha kan ture yoo ta’u yeroo amma kana gochii bilbilaafi Interneeta baleessu giddu galeessa Oromiyaatti babalaate jirra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *