Dambi Doolloo fi Qondaalatti waraanni Bilxginnaa nama 2 ajjeesuun 2 ammoo madeessee.
(SQ-Gurraandhala 28,2022)
Waraanni Bilxiginnaa Gurraandhala 18/2022 Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambi Doollootti Hojjetaa Baankii Daldala xoophiyaa kan ta’e Obbo Taakkalee Biraanuu Ajjeesuu maddeen keenya nuuf himan.
Akka maddeen keenya jedhanitti waraanni Bilxginnaa Obbo Taakkaleen maalif nu ilaalte jechuun qabanii mooraa ykn kaampii isaanitti geessuun guyyaa tokko booda achui baasanii rasaasa itti roobsun ajjesan jedhu.
Obbo Taakkaleen siyaasa keessaa nama qooda hin qabneefi jireenya dhuunfaa isaa jiraatu yoo ta’u Akkasumas bakka hojii isaatti nama jaallatamummaa guddaa qabudha jedhu namoonni isaa beekan.
Oduuma wal fakkaatuun Godina wallagga lixaa Aanaa Qondaalaa Ganda Qondaala Fashfashii jedhamutti Waraanni Bilxiginnaa Gurraandhala 26/2022 Dargaggoo Ganna 20 kan ta’e Ramadaan Ahimaddiin yoo ajjeessan Abdul Jaliil Kabaa fi Hamzaa Musxafaa Kabaa jedhaman ammoo madeessuu maddeen SQ nuuf himan.
Jiraattoti naannichaa akka jedhanitti Dargaggoonni ajjeefamaniifi mada’aan kunneen badii qabaatanii osoo hin taane maqaa Shanee gargaartu jedhu itti manxasuun ajjeessan jedhu