Kaaba Shaggar Warra Jaarsootti Waraanni Bilxiginnaa Namoota Nagaa 5 ajjeese.
(SQ-Bitooteessa 1,2022)
Gurraandhala 28/2022 Godina Shawaa kaabaa , Salaale, aanaa Warra Jaarsootti waraanni Bilxginnaa Namoota 5 ajjeesuu maddeen SQ nuuf himan.
Namoota ajjeefaman keessaa kan maqaa isaanii nuqaqqabee.
Darajjee Girmaafi
Tolasaa Tafarii kan jedhaman yoo ta’u namoonni biroo 3 maqaan isaanii hin beekamne.
Maqaa Shanee waliin hidhata qabdu, Shanee gargaartu jedhuun Waraanni Bilxginnaa Oromiyaa guutuu keessatti ajjeecha rawwaacha kan jiru yoo ta’u Dargaggoota Aanaa Warra Jaarsootti ajjeefaman kanaanis maqaa Shanee gargaartu jedhu itti manxasuun ajjeesan jedhu maddeen keenya.
Namoonni waraana humna addaa Oromiyaa jedhaman kanan ajjeefaman namoota siyaasa keessaa qooda hin qabne kan jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan ta’u odeeffanneerra.