Ce’umsi Haqa Qabeessi Furmaata Biyya Kanaati
Maqaa ittiin aangoorra turan jijjiirrachuu fi tooftaa ittiin Oromiyaa cabsanii fi dararan tolfachuu malee sirnoonni hanga ammaa impaayera Itoophiyaa bulchan takkaa Lammiilee Oromiyaaf waan gaarii godhanii hin beekan.
Qabsoo Addi Bilisiummaa Oromoo (ABO)n ummata isaa waliin waggoota hedduuf taasise wareegama akkaan ulfaataa baasuun dammaqiinsa ummataa fi sadarkaa qabsoo ol guddiseera. Haala kanaanis Warraaqsa Qeerrootiin sirni ERDF diigame. Tahullee sirnuma san keessaa ol ka’uun qabsicha butanii bu’aa wareegama Qeerroo fi qabsaawota Oromootiin argame gara dabarsuun boqonnaan qabsoo osoo hin jijjiiramiin hafe. Nageenyii fi tasgabbiin ni dhufa jedhamee eegames dhadhaa ibidda buute tahe. Jijjiirama wareegama ulfaataan dhufeen dirreen dimokiraasii ni bal’ata jedhamee yaadame hafee sirni kan duraarra hammaatuu fi lolaa fi waraana qofatti amanu dhufee, impaayerattiin addatti ammoo Oromiyaan dirree lolaa fi waraanaa taate. Cilaancilli ifaa xiqqoo mul’achuu eegalee tures osoo oolee hin buliin dukkana hamaatti jijjiirame.
Oromoon saba kamuu caalaa nagaa jaallata. Nagaa jaallatuu fi hawwuun isaas lola sodaaf miti. Yoo lolaas meeshaalee waraanaa aadaatiin meeshaalee waraanaa ammayaa mo’atee addunyaattuu agarsiiseera. Akkuma sabni kun nagaa jaalatu, qabsaawonni haqaa hedduun nagaa fi tasgabbii fiduuf falmaa godhanillee sirni waraana malee nagaa hin feene kun hedduu isaanii hidhee baayyees ajjeeseera. Qabsaawota jijjiirama mul’atee ture fidanis hedduu nyaatte.
Sirnoonni dhufaa darbaa impaayera kana bulchan akkuma teessoon isaanii handhuura Oromiyaa Finfinnee tahe, Oromiyaa afaan qawween bitanii qabeenya ishee saamuu fi ummata ishee tohatuun kaayyoo fi fedhii sirnoota kanneen maraati. Sirni kunis xiyyeeffannoon isaa Lammiilee Oromiyaa afaan qawween ukkaamsee bituun Oromiyaa akka fedhetti saamuu fi lammiilee lola bara baraan uumuu keessatti humna waraanaaf dhimma bahuu dha. Waggoota afran darban kana naannolee Impaayerattii keessa jiran hunda caalaa Oromiyaan dirree dhiigaa fi jeequmsaa taate. Qubattoota Oromiyaa keessa jiraatan qofaatti hidhachiisuun Saba Oromoo waliin walitti buusuu akkasumas hidhattoota saba Amaaraa dhaangaa Oromiyaa seensisuun Lammiilee Oromiyaa ajjeesaa, lafaa fi qabeenya isaa saamaa fi mancaasaa jiru.
Sirni amma aangoorra jiru kun ummata beelessuu akka tarsiimootti waan fayyadamuuf Ummanni miiliyoonaan lakkaawamu beelaa fi du’aaf saaxilamee jira, kaan qe’ee fi qabeenya isaa buqqa’ee biyyuma isaa irratti baqataa tahes jiraataa jira.
Sirnoota darban kamuu caalaa sirni amma aangoorra jiru sabaa fi sablammoota, akkasumas ummata amantiidhaan walitti buusuu tooftaa ittiin aangoo dheereffatan godhatee jira. Saba isaaf bitamuu didee fi lolaan jilbeenfachiisuu dadhabe Saboota ollaa isaa jiran waliin walitti buusuun dadhabsiisuu fi Uummatichi nageenya isaatiif wabii malee akka jiraatu godhee jira.
Sirni qabsoo Qeerroo fi ummtaatti fayyadamee aangoorra ba’e kun waggoota afran impaayera kana bulchaa jiru keessatti Oromiyaa fi naannolee baayyee dirree waraanaa fi lolaa godheera. Qabeenyi ummataa ni saamame kaan ni barbadaawe. Uummanni lolaa fi jeequmsaan goolamee hojjetachuu dadhabee hiyyummaa fi beelaaf saaxilameera. Kumaa fi kitilaan kan lakkaa’amanis qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru. Kanaaf Lammiileen Oromiyaa anatu siif beekaa garboonfataa jalaa of baasuun sirna ofii filateen buluu qaba.
Rakkoo qabatamaa amma biyya kana keessatti raawwataa jiru qaamni ofitti fudhatee gara nagaatti ceessisuu fi toora qabsiisu hin jiru taanaan egeree Oromiyaatiif baayyee yaaddessaa taha.
Kanaaf Motummaan Cehumsaa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) Rakkoolee walxaxaa amma keessa jiramu keessaa gara nagaatti akka cehuuf gahee olaanaa qabaata.
1. Rakkoo Nageenyaa yeroo ammaa kanatti Lammiilee Oromiyaa irra gahaa jiru akka itti hin fufnee fi gara nagaatti ceessisuuf;
2. Balaa dhibiinsi nageenyaa fi goolamni siyaasaa dhalcheen gaaga’ama dinagdee amma mul’ataa jiru akka itti hin fufneef mala dhawuu;
3. Duguuggaa sanyii, ajjeechaa, saammicha, seer-dhablummaafi sarbama mirga namaa jiru hambisee sabatinsaa fi nagaa fiduuf;
4. Biyya Lammiileen hundi keessatti bilisummaa fi nagaan bahanii galan taasisuuf;
5. Biyya olaantummaa heeraa fi seeraan keessatti kabajamu uumuu;
6. Biyya uummatni mootummaa isaaf tahu dhiibbaa tokko malee nagaa fi bilisaan filatee ittiin bulu uumuuf karaa banuu;
7. Mootummaa uummattoota Oromiyaa keessa jiraatanii fi ollaa Oromiyaa jiranii wajjiin nagaa fi jaalalaan jiraatu uumuuf hojjeta.
Kanaaf MCBNO deggeruu fi utubuun furmaata biyya kanaati.
KMCBNO
Onkoloolessa 2022
Injifannoon Uummata Cunqurfamaaf!
