Dhaabbatni safariikoom Hojii seeraa Qabeessaa Hojjechaa hin jiru jechuun Uummata Oromoo keessaatti Mufii Uume.
(SQ-Hagayya 09,2022)
Dhaabbatni safariikoom Hojii seeraa Qabeessaa Hojjechaa hin jiru jechuun Uummata Oromoo keessaatti Mufii Uume jechuun Hawaasni Oromoo toora miidiyaa Hawaasa irratti mul’ifachaa jira.Waggaa tokko dura caalbaasiidhaan dorgomee Itoophiyaatti tajaajila Teelee kennuu mo’atee hojii eegaluuf adeemsa irra kan jiru dhaabbanni Safaariikoom (Safaricom) ummata Oromoo mufachiisaa jiraachuu namoonni hedduun saaxilaa jiru.
Tajaajila Teelee kennuudhaan hanga ammaatti Itoophiyaa keessa mootummaadhaan kan hoogganamu dhaabbata Itiyoo Telekom qofatu ture. Erga dhaabbatni Safaariikoom caalbaasii mo’atee adeemsa eegalee as Itiyoo Telekom morkataa argachuu isaa ti.
Safaariikoom dhaabbata dhuunfaa damee Vodaafoon dha.
Dhaabbatichi Itoophiyaatti, siimkaardii gurguruu irraa hanga tajaajila teelee mara akka kennuuf deemus yeroo adda addaa ibsaa tureera. Haala kanaanis jalqaba kana hojjettoota dhaabbataa kuma tokko qaxaruuf beeksisa baasaa tureen hanga ammaatti namoota 500 qaxaree Finfinnee dabalatee magaalota Itoophiyaa 25 keessatti waajjira banachuuf yeroo ammaa adeemsa irra jira. Magaalota 25 keessaa 10 magaalota Oromiyaa ti jedhameera.
Tahullee dhaabbanni kun namoota maqaa Oromoo qabanii fi Afaan Oromoo dubbatan qaxaruu diduu fi magaalota Oromiyaa keessatti barjaa isaa irrattii akkasumas tajaajila adda addaatiif Afaan Amaaraa fi Afaan Ingilizii malee Afaan Oromoo fayyadamuu lagatee jira jedhu namoonni itti dhiyeenyaan beekan.
Sababa yommuu gaafatamanis, dhaabbatichi kan Federaalaa waan taheef, afaan federaalaa fi kan idil addunyaa qofaatiin hojjeta jedhanii deebisu. Hojjettoota qaxarachuufis bakka bu’aa dhimma qaxarrii (qunnamsiisaa hojjetaa fi hojjechiisaa) kan “Ethio Jobs” jedhamu bakka buufatanii jiran. Bakka bu’aan (agent)n kun ammoo warra jibbiinsa Oromootiin guutaman tahuu namoonni waan kana hordofaa turanii fi jiran ni dubbatu. Akkanaan bakka buutonni kun namoota maqaa Oromoo qabanii fi kanneen Afaan Amaaraa sirriitti hin dubbatan jedhanii shakkan yoo ulaagaa qaxarrii guutan illee hin qaxarsiisan jechuun komiin bal’inaan ka’uutti jira.
Dhaabbanni kun dhaabbata daldalaa waan taheef, loogii sabummaa malee tooftaa ittiin maammiltoota ofitti hawatee fedhii isaanii guutuudhaan dinagdee isaa guddifatu irratti xiyyeeffachuu qaba malee, garee jibbiinsa Oromootiin guutuman ofitti aansee Oromoo saba guddaa kana of irraa dhiibuu hin qabu ture. Oromoo of irraa dhiibees hojii daldala isaa kanatti hin milkaa’u. Ilaalcha dogoggoraa fi loogii sabummaa irraa of sirreessuun karaa qajeeltootiin hojii isaa itti fufuutu irra jira jechuunis namoonni yaada isaanii karaa imeelii dhaabbatichaa fi kan hoogganoota dhaabbatichaatiin dhiyeessaafii akka jiran ibsameera. Dhimmi kun midiyaalee hawaasaa irratti bal’inaan hawaasa Oromoo biraa mormii fi dheekkamsa kaasaa jiraachuunis mul’ataa jira.