Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa Sanyii Nagaasaa WBOn qabsoo jabaa gaggeessu cinaatti leenjisee bobbaasuu jabeesse.
Waraanni Bilisummaa Oromoo sirba Oromoo hacuucuu fi qabeenya Oromiyaa saamee dhaloota dararu qolachuutti kan jiru yoo tahu kana galmaan gahuufis qabsoo hidhannoo isaa jabeessee jira.
Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo giddu galaa Jaal Sanyii Nagaasaa akka jedhanitti Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa mooraalee hedduurra kaadhimamtoota barnoota waraanaa fi siyaasa barsiisa ture eebbisiisee qabsoo hidhannootti kan bobbaase tahuu himuun Waraanni Bilisummaa Oromoo gola Oromiyaa maratti qabsoo jabaa adeemsisaa jiraachuu himaniiru .
Ajajaan Zoonii Giddugaleessaa jaal Sanyii Nagaasaa WBOn akeeka qabsoo qabate fiixaan baasuuf qabsoo adeemsisaa jiruun injifannoowwan hedduun gonfachuu ibsaniiti jiru.
WBOn tarkaanfii humnoota mootummaa irratti fudhatuun cinaatti gurmuu isaa jabeessuuf golee Oromiyaa hedduu keessatti qeerroowwan barnoota waraanaa fi Siyaasaan leenjisee bobbaasaa akka jirus eeraniiti jiru.
Haaluma kanaan WBOn ji’oota darbaniif barnoota Zoonii giddugalaa mooraalee leenjii garagaraa kaaba fi lixa Shaggar keessatti barsiisaa fi leenjisaa kan ture torbanoota darban kana keessa eebbisiise irbuu galchuun dirree qabsootti bobbaasaa jiraachuu eebba leenjifamtootaa kana irratti dubbateera.
WBOn uummata Oromoof gaachana ta’uu kan eeran qondaalonni Waraana Bilisummaa Oromoo, uummanni Oromoos waraanichaaf utubaa ta’uu dubbateera.
Qondaalonni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa sirna eebbaa kana irratti argamuun haasaa godhaniin uummatni Oromoo waan hunda dursa tokkummaa isaa tiksee, gama maraan qabsoo saba isaa cinaa hiriiruu akka qabu dhaamaniiru.
Hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaa haala kam keessattuu qabsoo WBOn gaggeessu cinaa dhaabbachuun tumsa godhanis galateeffachuun keessattuu hawaasa Waraana Bilisummaa Oromoof dawoo ta’ee gurmuu WBO jabeessa jiruuf galata guddaatu malaaf jedhan qondaalonni WBO eebba kana irratti dubbatan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii giddugalaa bakkee garagaagaraatti eebbisiifame kun yeroo qabsoon Oromoo sadarkaa murteessa irra gahee jiruu fi uummanni Oromoo tokkummaa hin daddaaqne ijaarrachaa jirutti Miseensa WBO ta’uun marsaa seena qabeessaa fi adda kan isaan godhu yoo ta’u qondaalonni waraanichaa eeranii, bu’uuruma kanaan maqaan marsaa isaaniis โMarsaa Murtii Tokkummaa’ jedhamuun moggaafamu qondaalonni eebba kanneen irratti hirmaatan himaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo hiree ummata oromoo Ummatni Oromoo akka ofiin murteeffatuuf qabsootti kan jiru tahuus dubbii isaanii goolabanii jiru.