Waraanni Bilisummaa Oromoo Birgeediin Odaa Bulluq Cibraan Abiishee Garbaa fi Humni Furgaatuu Aduu Saafaa Loltoota Mootummaa irratti Tarkaanfii Fudhachuu Beeksise.
(SQ-Hagayya 10,2022)
Waraanni Bilisummaa Oromoo Birgeediin Odaa Bulluq Cibraan Abbishee Garbaa fi humni Furgaatuu Aduu Saafaa zoonii lixaatti tarkaanfii waloon fudhataniin humnoota mootummaa irratti hubaatii geessisuun ibsame.
Maddeen keessoo waraanichaa akka jedhanitti, godina Wallagga Bahaa aanaa Gudayyaa Biilaatti waraana mootummaa 300 caalaa magaalaa Biilaatii ka’ee imala ture irratti haleellaa qindaa’aan kan raawwatame.
Lola ganda Guutee Caancoo bakka addaa Gabaa Saawwaa jedhamutti tasa WBOn baneen loltoonni mootummaa 25 caalaan ajjeefamuu fi 20 caalaan immoo madaa’uu maddeen himaniiru.
Loltoonni mootummaa 5 lola kanaan booji’amuus maddeen waraanichaa ibsaniiru.
Kana malees qawwee 27 hidhannoo guutuu waliin WBOn akka booji’e dubbataniiru.