Haluma qabsoo taheetu dararaa hedduu dabarsine; hiree Oromoo maraati”Gadaa Gabbisaa

Qondaalli Siyaasaa ABO Jaal Gadaa Gabbisaa erga mana hidhaa irraa bahanii ummata Oromoo isa cinaa turan fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akkas jechuun galateeffatan.

Lammii kiyya Oromoo, bagan jiraadhee nagaan deebi’ee isin arge. Haluma qabsoo taheetu dararaa hedduu dabarsine; hiree Oromoo maraati. Aniif Jaallan kiyya illee jiraannee har’a geenye. Garuu, kan baayyee gara nu gubeefi eelaa tahe, Jaal Battee Urgeessaa of biraa dhabuun boqonnaa nu dhorke. Gumaan isa bilisummaa ni taati!

Jaallan qabsoo, miseensonniifi deeggartoonni, akkasumas, haawsni bal’aan kan biyya keessaafi alaa addatti kan biyya hambaatiifi biyya keessa manneen hiraarsaa adda addaa nuti naanneffamaa turretti dhuftanii nu gaafachaa turtan galata guddaa qabdu.
Kanneen Lubbuu kiyya hambisuufi har’a gahuu kiyyaaf sababa taatan hedduu keessaa Dr Tsaggaayee Araarsaa dhaabbataan qoricha naa dhiyeessuuf sagalee naaf tahuu, Obbo Tuulii Baay’isaa Abukaattummaan alatti akka lubbuun kiyya hin baaneef akka sabni na birmatee na cinaa dhaabbatu gochuu, Komishinar Daraartuu Tulluu Qoricha Ji’a Jahaa naaf dhiyeessuu, Dr Ilillii Jamaal Qoricha Ji’a lamaa naaf dhiyeessuun, Yaanneet Dinquu Qoricha Ji’a Lamaa naaf dhiyeessuun warri na gargaartan galata guddaa narraa qabdu. Kanneen maqaa keessan ammatti dhahuu hin feene, warri yeroo hundaa na cinaa dhaabbachuun Bassoo, Dammaafi waan ani nyaachuu dandahu naaf dhiyeessitan hundi galata qabdu. Midiyaalee adda addaa sagalee nuuf taatan hundi, akkasumas namoonni dhuunfaa karaa sabahimaalee of harkaa qabdaniin cubbuu nurratti dalagame saaxilaa turtan hundi galatoomaa;galanni keessan bilisummaa saba keenyaa haa tahu.

Lammiin keenya biyya keessaafi alaa dinagdeefi haamileen dandammannee akka harra geenyu nu gargartan hundi onnee kiyya keessa jirtu. Jaarmiyaalee adda addaa biyya keessaafi Idil Adduunyaa Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa, Boordii Filannoo Itoophiyaa, Human Right Watch galatooma. Qabsoon sabaa haga bilisummaa itti fufa. Tokkummaa keenya cimsinee wal taanee gara fuula duraa akka tarkaanfannu shakkii tokkollee hin qabu.

Haalota biroo keessa turreefi itti deemnu bal’inaan ibsuuf walitti deebina. Birraa milkii nuuf haa tahu.

Gada Gabisa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *