Giddaa Ayyaanaatti Waldhabdee Faannoofi Milishoota Oromiyaa gidduutti uumamen Milishoonni 6 ajjeefamun 3 madaa’un dhaga’ame.
(SQ-Onkoloolessa 12,2022)
Onkoloolessa 9,2022 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Haroo Ayyaanatti Faannoon Amaaraa milishoota Oromiyaa haleellun 6 ajjeessun 3 madeessun dhaga’ame.
Sababa kanaan Wal qabate Poolisonni Humna Addaa Oromiyaa kaleessaa onkoloolessa 10,2022 reeffa milishoota kana kaasuf Giddaa Ayyanaa irraa gara ganda Haroo Ayyaanaatti bobba’un reeffa kaasuuf yoo jedhan akka hin kaasne dhorkamuun dhukaasi guddaan humnoota faannoo fi Poolisii humna adda Oromiyaa gidduutti jalqabu SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti guyyaa kaleessa Faannoofi Poolisii humna addaa Oromiyaa gidduutti loli guddaan deema ture jedhu.
Tumsa Mootummaa Naannoo Oromiyaattin Faannoon Amaaraa daangaa Oromiyaa cabsee seenuun lammilee Oromiyaa irratti gocha sanyii duguuggaa rawwaacha turuufi jiraachuun beekamadha.