Gatiin Dolaara tokkoo gabaa gurraachatti daran dabalaa dhufu isaa barruun ‘capital’ gabaase.
(SQ-Fulbaana 22,2022)
Fedhiin sharafa alaa guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa dhufuu isaa hordofee sharafni doolaara Ameerikaa gabaa gurraachatti dabalaa dhufee jira jedhame.
Sharafni doolaaraa gabaa gurracha irratti dabaluun isaa kun gabaa bilisaa ykn gabaa baankii irratti ammoo garaagarummaa guddaa uumee jira jechuun barruun ‘Capital’ afaan Ingiliziin maxxansee jira.
Magaalota sharafni gabaa gurraachaa gaggeeffamu keessatti torbee kana keessa Doolaarri Ameerikaa tokko qarshii Itiyoophiyaatti 90 hanga 92tti gurguramaa jiras jedhamee jira.
Kun ammoo gabaa bilisaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu ammoo dhiibbentaa 70 hanga 75tti garaagarummaa kan uume ta’uu ‘capital’ ibse.
Addatti ammoo dhaabbileen konkolaataa biyya alaa irra galchan Dolaara Ameerikaa tokko hanga qarshii Itiyoophiyaa 100tti bitaa jiraachuus himameera.
Gabaa bilisaa ykn sharafa baankii irratti garaagarummaa dhiibeenta 90 agarsiise.
Itti aanaan bittaa baankii biyyaaleessaa kan ta’an obbo Fiqaaduu Digaafee ibsa Gaazexaaf laataniin,dhiiyyeessii fi fedhii gidduutti hanqinni jiraachuu himanii jiru. dabalataanis gocha kana to’atanii dhaabuuf kan hin danda’amne ta’uu obbo Fiqaaduun ibsaniiru.
Rakkoon inni sirriin isaa maal akka ta’e baankichi gadi fageenyaan qorachaa jiraachuu himuun,qorannichi akkuma xumurameen haala gabaa Doolaaraa tasgabbeessuuf,qaamoolee hojii kan irratti bobba’an seeraan kan gaafatamaniidhas jedhamee jira.
Gatiin sharafa Doolaaraa baankonni biyya keessaa dhiyeessan xiqqaachaa akka jiru, sharafni maallaqaa gabaa guraacha irratti dabalaa dhufuun isaa biyyattii irratti rakkoo qaala’iinsa jireenyaa fidee jiraachuun himameera.
Dhimmi kun mootummaaf qormaata ta’ee jira jechuunis oggeessonni dhimma kana irratti hubannoo qaban ni dubbatu. dabalataanis rakkoo kana hambisuuf mootummaan sirna to’annoo isaa diriirsuun faddaaltoota gabaa sharafa Dolaaraa irratti bobba’an dhabamsiisuu qabas jedhu.
Yeroo ammaa kana keessatti mootummaan sharafa gabaa gurraachaa to’achuuf hojjachaa jiraachuus,hanga ammaatti garuu waan milkaa’e hin fakkaatu jechuun barruun ‘Capital’ addeessee jira.
Maddi: Barruu ‘capital’