#Gadda_Sukkaneessaa
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti humnootiin finxaaleyyii Fi milishootni Amaaraa mootummaan hidhachiise, guyyaa hardhaa konkolaataa ummata fe’atee Gutin irraa gara Giddaa Ayyaanaa imalaa ture irratti dhukaasa bananiin namoonni 3 ol yoo lubbuun darban namootni 5 ol ammoo rasaasaan rukutamanii hospitaala galanii jiraachuu maddeen naannichaa nuuf himan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa torbee dabre dhalattoota Amaaraa konkolaataa 13 oliin naannoo Amaaraa irraa fiduun godina Wallgaa Bahaa keessa akka qubachiisee fi namoota kanneen jiddu milishootni filamanii keellaa irratti ramadamanii turan ajjeechaa hardhaa kana raawwachuu odeeyfannoon arganne ni addeessa.
Bakka Ajjeechaan kun itti raawwate Iddoo gaara #Diichoo jedhamutti yoo tahu ammaan durallee hidhattoonni Amaaraa namoota konkolaataan imalaa turan buusanii bakka kanatti rashanuun isaanii ni yaadatama..
Torban kana keessas Barsiisota Oromoo konkolaataa TATAn Finfinnee irraa gara Wallootti imalaa turan waraqaa eenyummaa isaanii ilaaluun humnootiin Finxaaleyyii Faannoo ofiin jedhan Shawaa Roobitittu barsiisota 8 ajjeesanii gatanii turan Reeffi isaanii guyyyaa lama booda argamee gara maatiitti akka ergame ni yaadatama.
Taateen guyyaa har’aa Wallaggaa Bahaa Giddaa Ayyaanaatti raawwatames taateema wal fakkaataa ammaan dura humnootiin maqaa Amaaraan hidhatanii Oromiyaa keessa deeggarsa MNOn socho’an tahuu gabaasaalen ni mul’isu.
Maatii Namoota jalaa ajjeefamanii fi Ummata Oromoo gaddi kun gadda isaa taheef jajjabina hawwina