Paarlaamaan Gamtaa Awuroppaa Itoophiyaa irra qoqqobbiin bittaa meeshaalee waraanaa akka kaa’amuuf wixinee qopheesse.

(SQ-Onkoloolessa 10,2022)

Waraana kaaba biyyattiitti godhama jiru dhaabsisuu dadhabuu isaanitiif mana marii nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaa Awuroppaa miseensonni paarlaamichaa qeeqaniiti jiru.

Bittaa fi daddabarsi meeshaalee waraanaa gara Itoophiyaa fi Eritiriyaatti  akka hin godhamne ugguramuu qabu jechuunis  yaada dhiyeessaniiru.

Kana malees dhaabbileen maallaqaa addunyaa yeroo liqaa biyyattii irra jiru deebisuu dheeressuu hin qabanii jedhan.

Waraana Itoophiyaa keessa jiruun badii guddaan gahuu eeranii, humnoonni nagaa eegdotaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Itoophiyaatti bobbaafamuu akka qabanis dubbataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *