Waltajjiin Mata dureen isaa “Kora Waliinii “ jedhu ABO fi KFOn qophaaye Finfinnee Oromiyaatti eegale.
Seenaa keessatti kora isa calqabaa kan jedhame Korri Waliinii ABO fi KFO qaamolee Hawaasaa hunda kan hirmaachise haala yeroo irratti ummata waliin mariiyachuuf akka jiru beekameera.
Kora Waliin ABO fi KFO kana irratti Abbootii Gadaa, Abbootii Amantiilee garagaraa hordofan, hayyoota Yuuniversiitiilee adda addaa keessaa barsiisan, yubbooya darbanii fi kan ammaa dabalatee ammaan dura kan sochii Siyaasaa Keessatti qoodni isaanii ifatti hin mul’anne #Ayyaantuuwwanii fi #Qaalluuwwan kora Waliinii kana irraa qooda fudhachaa akka jiran beekameera.
Korri Waliinii ABO fi KFO kun Ifatti guraandhala 19/2025 haa calqabuyyuu malee baatiiwwan sadan darbaniif walitti dhufanii haala milkaayina Korichaaf mariyachaa akka turan odeessi arganne ni mul’isa.
Kora Waliinii kana irratti barbaachisummaa MCBNO fi haala sarbama mirga Namoomaa Oromiyaa keessaa akkkasumas birmadummaa daangaa Oromiyaa irratti marii ni taasisa jedhameera.
Kora Waliinii kana irratti Hoggantootaa ABO fi KFO dabalatee jiloota adda addaa bakka bu’uun kanneen qooda fudhatan 100 ol akka tahanis beekuun dandahameera.
Kora Waliinii ABO fi KFO guraandhala 19/2025 eegale kana irratti murtoowwan gurguddoon akka darbanis kan eegamu yoo tahu korichi yoom akka goolabamu ifatti wanti beekamehin jiru .
Korri Waliinii ABO fi KFO kun Seenaa keessatti haala kanaan qophaayuun isa calqabaa tahuu kan himamu miidiyaalee kamiif iyyuu waltajjichi cufaa tahuus beekameera.